
Spider Media
February 9, 2025 at 08:52 PM
#maannaa
Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Magaalaa Yabbuutti kan argamu madrasaan Al-Shaakiriin barattoota isaa eebbisiiseera
Spider Media : Shaabaan 10, 1446 AH
Madrasaan kun woggoota dhihoo as ka eegale yoo ta'u,yeroo ammaa ilmaan Muslimootaa Qur'aanatti afaan hiikkachiisaa,Haffazsiisaa akkasumas barnoota diinii adda addaa kennuun bu'aa guddaa galameessaa jira
Madradaan kun kaka'umsa namoota xiqqootiin kan eegale ta'us yeroo ammaa hirmaannaa ummataatiin daree barnootaa dabaluun barnoota islaamaa kennuudhaan sadarkaa gaarii irratti argamu ibsameera.
Guyyaa hardhaa barattoota isaa Qur'aanaa fi barnoota diinii kan biroo bariisaa ture iddoo keessumoonni mana maree dhimmoota Islaamaa irraa argamaniifi qaama mootummaa irraa aragamanitti akkasumas hawaasni magaalichaa argamanitti haala ho'aa fi miidhagaa ta'een eebbisiiseera jechuun Hamiltantu gabaase.
© #amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#spidermedia