VOA Afaan Oromoo
January 22, 2025 at 03:40 PM
Chaayinaan yeroo Tiraamp Aangoo Qabanitti Amerikaa Waliin Tumsa Dabalataa Barbaaddi https://www.voaafaanoromoo.com/a/chaayinaan-amerikaa-waliin-tumsa-dabalataa-barbaaddi/7946143.html Chaayinaan Pirezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaa aangoo isaanii eegaluun Ameerikaan waldhabdee osoo hin taane walta’iinsaan hariiroo biyyoota lamaanii bulchuu irratti akka xiyyeeffattu gaafatteetti. “Chaayinaan mootummaa haaraa Yunaaytid Isteetis waliin ta’uun qunnamtii eeguu, tumsa cimsuu, garaagarummaa sirnaan bulchuu fi Chaayinaa fi Amerikaa hariiroo ka’umsa haaraa irraa guddina guddaa argachuu,”feeti jedhan dubbi himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa Guo Jiakun ibsa idilee gaazexeessitootaaf idileKibxata darbe Beejiing keessatti kennaniin. Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Beejiing sadarkaa jalqabaa pirezidaantummaa Tiraamp marsaa lammaffaa irratti wal-hubannoo dogoggoraa gama lachuu gidduu jiru karaa hirmaannaa fi waljijjiirraan hir’isuuf abdii qabdi. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x
😂
1