
VOA Afaan Oromoo
9.8K subscribers
Verified ChannelAbout VOA Afaan Oromoo
Qophiin Sagalee Ameerikaa Sagantaa Afaan Oromoo; oduu fi qophiiwwan dhimmoota wayitaawaa, akkasumas aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonna, misooma fi ispoortii laallatan irratti Wixataa amma Jimaataatti galgala sa’aa 8:30 irraa jalqabee dhihaata. Nu hordofaa.
Similar Channels
Swipe to see more
Posts

Yaada Mootummaa Cehumsaa ABO fi KFOn Baasanii fi Deebii Qaamonni Biroon Kennan| VOA Afaan Oromoo https://www.youtube.com/watch?v=v3zJSl1WY1M&list=PLEy2_FZS5mJPnn5HumBaqBYbCfyVd4BH4 Addi bilisummaa Oromoo fi Kongireesiin Federaalawaa Oromoo ibsa waliin tibba kana baasaniin rakkoo siyaasaa fi nageenyaa Uummanni Oromoo keesatti argamuuf yaada furmaata ta’a jechuun, mootummaa ce’umsaa Oromiyaa hundeessuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru. Gama biraan, Waraanni bilisummaa Oromoo (WBO)n yaadicha mormuun ibsa baaseera. Dubbi-himaan Mootummaa Nannoo Oromiyaas yaadicha irratti ilaalcha gama isaanii kennanii jiru. Dhaabonni ka biroon ibsa paartiilee lameenii ilaalchisuun ibsa baasanis ni jiran. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

‘Abbaa Malkaa – Fiilmii Afaan Oromoof, Boqonnaa Haarawa Fidaa?’ https://www.voaafaanoromoo.com/a/abbaa-malkaa-fiilmii-afaan-oromoof-boqonnaa-haarawa-fidaa-/7988551.html Dilbata darbe, Fiilmiin Afaan Oromoo Abbaa Malkaa jedhamu, Galma Tiyaatira Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti eebbifamee jira. Gosa Family Diraamaa jedhuun kan qindaaye Fiilmiin kun seenaa maatii tokkoo kan bara 1970 keessaa Naannoo oromiyaa keessa jiraataa turan kan agarsiisudha jedha Habtee Beqqelee, Hojii Fiilmii kanaarratti kan hirmaate. Daawwattoonni Fiilmii Afaan Oromoo Galma guutuun daawwatan Siinimaa Oromoof ammas abdiin jira yoo jedhan, taatonni hojii Fiilmii kanaarratti hirmaatanis milkina himan. Fiilmii Abbaa Malkaa Kan dhiyeesse Leencoo Fiqiruu, qabiyyeewwan fi qulqullina Fiilmii Afaan Oromoo fooyyessuuf akka hojjetu ibsee jira. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

MM Abiyyi Wayita Moqaadishoo Ga’utti Dhuukasni Mortaraa Al-shaabaab Irraa Ta’uu Shakkamu Dhukaafamuu Jiraattoonni VOA tti Himan https://www.voaafaanoromoo.com/a/abiyyi-wayita-moqaadishoo-ga-utti-dhuukasni-al-shaabaab-irraa-ta-uu-shakkamu-dhukaafamuu-jiraattoonni-voa-tti-himan-/7990011.html Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Kamisa har’aa Moqaadishootti imaluun daawwannaa taasiiseera. Wayita Somaaliyaa ga’uttis angawaoonni Somaaliyaa kan Pireezidaanti Hasan Sheeyik Mohaammeediin durfaman simannaa taasiisaniiruuf. Abiyyi Moqaadishoo kan ga’e akka sa’aatii naannoo sanaatti ganama sa’aatii Afuriin dura yommuu ta’u yommuu inni buufata xiyyaaraa Mooqaadishoo ga’utti dhukaasni Moortaraa Alshabaab irraa ta’uu shakkamu kallattii buufata xiyyaaraa sanatti dhukaafamuu jiraattoonni nageenya isaniif sodaa qaban maqaan isaanii akka hin himamne jedhan Sagalee Ameerikatti himaniiru. Hojjataan buufata xayyaaraa tokko aka jedhetti, dhukaasni Moortaraa tokko garaajii buufata xiyyaaraa keessa bu’e. Miidhaa dhukaasa kanaan dhaqabe laalchisee waan gabaafame hin jiru. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

Hoogganaan Pentaagon Mana Hidhaa Guaantanaamoo Beey Daawwatan https://www.voaafaanoromoo.com/a/hoogganaan-pentaagon-mana-hidhaa-guaantanaamoo-beey-daawwatan/7989078.html Qoodi Yaadawwan Ilaali Print Godaantonni Yunaayitid Isteetis keessaa ari’amuuf karoorfame hedduun Kibxata kaleessaa bakka tursiisaa Kuubaa Guwaantanaamoo Beey keessatti argamu kan hordoffii ministeera ittisa Ameerikaa Piit Hegset jala seenaniiru. Heegset, waa’ee deeggarsa waraanni, kan Washingiten jumlaan godaantota biyyaa ari’uuf taasisu hubachuuf buufata humna galaanaa Yunaayitid Isteetis daawwachaa kan ture yoo ta’u, xiyyaarri fe’umsaa Yunaayitid Isteetis tokko akka bu’u arguu dhaan miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii jiran. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

Oromiyaa Keessatti Miidhaan Dubartota Irratti Raawwatamu Akka Dhaabbatu Dhaabbatoonni Mirga Shamarranii fi Daa’immaniif Falman Gaafatan https://www.voaafaanoromoo.com/a/oromiyaa-miidhaan-dubartota-dhabsisuuf-dhaabbatoota-hojjatan/7992820.html Naannoo Oromiyaatti sababa walitti bu’iinsaa fi kanneen biroon miidhaan dubartootaa fi daa’imman irra gahaa jira jedhame ammas yaaddessaa ta’uu jaarmayaaleen mirga daa’immani fi shamarraniif dhaabbatan himan. Tuutni garee jaarmayaalee mirga dubartootaaf falmanii fi dubartootaan durfamu kaleessa magaalaa finfinneetti waamicha dhiyeessaniin gudeeddii fi ajjeecha dabalatee miidhaan dubartootarra gaha jedhan akka dhabatu qaamolee hidhannoon Oromiyaa keessa socho’anii fi mootummaas gaafatanii jiran. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

Kampaniin Aappil Teeksaas Keessatti Buufata Iskuweer Meetera Kuma 23 Guddatu Hundeessuuf Karoorse https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhabbanni-appil-teeksaas-keessatti-buufata-guddaa-hundeessuuf-karoorse/7987316.html teeknooloojii Yunaayitid Isteetis guddichi, Aappiliin, waggoota itti aanan afur keessa Yunaayitid Isteetis keessatti hojii 20,000 uumuuf karoorsuu isaa beeksise. Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Doonald Tiraamp, dura ta'aa kaampaanichaa fi Aappiliin galateeffataniiru. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

‘Biyyoottan Afriikaa Miidhaa Yeroo ‘Gita Bittaa’ Irragahe jedhameef Beenyaa Gaafataa Jiran’ https://www.facebook.com/share/v/15g5KVP1hi/ Gamtaan Afriikaa yaa’iisaa idilee 38ffaa bara 2025 harra Finfinneetti jalqabee jira. Wal gahichi bara 2025, bara Beenyaa jechaan waamee, dhalattoonni Afriikaa baroota keessatti miidhaa irra gahe jedheef haqa beenyaa sirrii argatuu qaban yaada jedhurratti xiyyeefatee mariitti jira. Jalqaba Walgahii kanaarratti kan haasawaa taasisan Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Ali, gaafiin beenyaa kun gaafii haqaati jechaan dubbatan. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x