VOA Afaan Oromoo 
                                
                                    
                                        
                                    
                                
                            
                            
                    
                                
                                
                                January 29, 2025 at 04:17 PM
                               
                            
                        
                            Waggoota jahan dhufan keessatti lammiilee Afrikaa miiliyoona 300 humna Eleektirikaa walqunnamsiisuuf jalqabbiin ture, Baankii Misooma Islaamaa fi Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Eeshiyaa dabalatee liqeessitoota irraa waadaa haaraa doolaara biiliyoona sadeetii ol ta’u injifachuu Maddi Oduu Rooytersi gabaase. https://www.voaafaanoromoo.com/a/inishiyeetiviin-lammiilee-afrikaa-miliyoona-300-humna-elektiriikaan-walqunnamisiisuu/7955538.html Inishiyeetiiviin Mission 300 Baankii Addunyaa fi Baankii Misooma Afrikaatiin baatii Eblaa keessa eegalame kun Doolaara biiliyoona 90 akka baasu tilmaamameera. Hojiirra oolmaan isaas dinagdeen biyyoota naannichaa haalaan waan danqameef, kanaafis sababaa irra caalaan galiin laafaa ta’uu fi baasii tajaajila liqaa olaanaa irraa kan ka’e waan ta’eef. “Madaalliin biyyoolessaa keenyaa gahaa miti... kaayyoo Ergama kana galmaan ga’uuf,” jechuun Pirezidaantiin Zaambiyaa Hakainde Hichilema walgahii anniisaa Afrikaa Taanzaaniyaa keessatti gaggeeffame irratti dubbataniiru. Maallaqni pirojektichaaf oolu baankota misoomaa biyyoota hedduu, dhaabbilee misoomaa, daldala dhuunfaa fi dhaabbilee tola ooltummaa kanneen akka Rockefeller Foundation kan qaama jalqabbii kanaa ta’e irraa ni argama jedhamee eegama. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x
                        
                    
                    
                    
                    
                    
                                    
                                        
                                            👍
                                        
                                    
                                        
                                            ❤️
                                        
                                    
                                    
                                        3