
VOA Afaan Oromoo
January 31, 2025 at 07:06 PM
Waligaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamas gidduutti taasifameen namoottan garee Hamaasiin butamanii fudhataman gadi lakkisamaa jiru. Akkaataa waligaltee kanaatti guyyaa kaleesaa lammiileen Israa’el sadii akkasumas lammileen biyya Taayilaand hojiidhaaf jechaa garas deeman shan harka Hamaasiifi garee Hamaasii wajjin hidhata qabuu garee Islaamiik Jihaad jalaa gadii lakkisamanii Israa’ettti deebi’aniiru. https://www.voaafaanoromoo.com/a/7958612.html
❤️
👍
3