VOA Afaan Oromoo 
                                
                                    
                                        
                                    
                                
                            
                            
                    
                                
                                
                                February 6, 2025 at 08:32 PM
                               
                            
                        
                            Gargaarsi Alaa Yunaayitid Isteetis Dhaabachuun Itiyoopiyaa Keessaa Kanneen Dawaa Farra HIV Fudhatan Miidhuu Mala: Tokkummaa Mootummootaa https://www.voaafaanoromoo.com/a/gargaarsi-alaa-yunaayitid-isteetis-dhaabachuun-itiyoopiyaa-keessaa-kanneen-dawaa-farra-hiv-fudhatan-miidhuu-mala-tokkummaa-mootummootaa/7965561.html Yuunaayitid Isteetisi gargaarsa biyyoota alaa irraa dhaabuu isheen Itiyoophiyaa keessatti gargaarsa Ittisa Vaayirasii HIV’f taasifamu ni miidha jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan Ittisa HIV. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan Ittisa Vaayirasii HIV Eedsii Yuunaayitid Isteetisi gargaarsa biyyoota alaa dhaabuun misoomawwan naannoolee hedduu Itiyoophiyaa keessaa irratti dhibbaa geessiisa keessumaa ittisa Vaayirasii HIV Eddisii irratti jechuun akeekkachiise. Sagantaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan ittisa HIV inni “UNAIDS” jedhamu akka beeksiisetti yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni 503,000 qoricha farra HIV isa antiritrovaayiraal ARV buufataalee fayyaa 1,400 biyyattii keessatti fudhachaa jirus jedheera