VOA Afaan Oromoo 
                                
                                    
                                        
                                    
                                
                            
                            
                    
                                
                                
                                February 26, 2025 at 12:56 PM
                               
                            
                        
                            ‘Abbaa Malkaa – Fiilmii Afaan Oromoof, Boqonnaa Haarawa Fidaa?’ https://www.voaafaanoromoo.com/a/abbaa-malkaa-fiilmii-afaan-oromoof-boqonnaa-haarawa-fidaa-/7988551.html Dilbata darbe, Fiilmiin Afaan Oromoo Abbaa Malkaa jedhamu, Galma Tiyaatira Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti eebbifamee jira. Gosa Family Diraamaa jedhuun kan qindaaye Fiilmiin kun seenaa maatii tokkoo kan bara 1970 keessaa Naannoo oromiyaa keessa jiraataa turan kan agarsiisudha jedha Habtee Beqqelee, Hojii Fiilmii kanaarratti kan hirmaate. Daawwattoonni Fiilmii Afaan Oromoo Galma guutuun daawwatan Siinimaa Oromoof ammas abdiin jira yoo jedhan, taatonni hojii Fiilmii kanaarratti hirmaatanis milkina himan. Fiilmii Abbaa Malkaa Kan dhiyeesse Leencoo Fiqiruu, qabiyyeewwan fi qulqullina Fiilmii Afaan Oromoo fooyyessuuf akka hojjetu ibsee jira. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x
                        
                    
                    
                    
                    
                    
                                    
                                        
                                            👍
                                        
                                    
                                        
                                            ✌️
                                        
                                    
                                        
                                            ❤️
                                        
                                    
                                    
                                        5