VOA Afaan Oromoo

VOA Afaan Oromoo

9.8K subscribers

Verified Channel
VOA Afaan Oromoo
VOA Afaan Oromoo
February 27, 2025 at 02:42 PM
MM Abiyyi Wayita Moqaadishoo Ga’utti Dhuukasni Mortaraa Al-shaabaab Irraa Ta’uu Shakkamu Dhukaafamuu Jiraattoonni VOA tti Himan https://www.voaafaanoromoo.com/a/abiyyi-wayita-moqaadishoo-ga-utti-dhuukasni-al-shaabaab-irraa-ta-uu-shakkamu-dhukaafamuu-jiraattoonni-voa-tti-himan-/7990011.html Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Kamisa har’aa Moqaadishootti imaluun daawwannaa taasiiseera. Wayita Somaaliyaa ga’uttis angawaoonni Somaaliyaa kan Pireezidaanti Hasan Sheeyik Mohaammeediin durfaman simannaa taasiisaniiruuf. Abiyyi Moqaadishoo kan ga’e akka sa’aatii naannoo sanaatti ganama sa’aatii Afuriin dura yommuu ta’u yommuu inni buufata xiyyaaraa Mooqaadishoo ga’utti dhukaasni Moortaraa Alshabaab irraa ta’uu shakkamu kallattii buufata xiyyaaraa sanatti dhukaafamuu jiraattoonni nageenya isaniif sodaa qaban maqaan isaanii akka hin himamne jedhan Sagalee Ameerikatti himaniiru. Hojjataan buufata xayyaaraa tokko aka jedhetti, dhukaasni Moortaraa tokko garaajii buufata xiyyaaraa keessa bu’e. Miidhaa dhukaasa kanaan dhaqabe laalchisee waan gabaafame hin jiru. https://whatsapp.com/channel/0029VaZk4OIGJP8KqEUFvJ3x

Comments