S. DEREJE MIESO
February 8, 2025 at 04:53 PM
โก๏ธATI MO'AMUUF HIN DHALANNE
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
=> Joobirri (Risaan) lafaa yemmuu qubatee bofti yemmuu isa qabatu (isatti maramu) of irraa gar-gar baasuuf yoo yaale iyyuu, bofti akka salphaatti isa gadi hin lakkisu.
Yaalii isaa muraasa booda garuu Joobirri (Eggle) iddoo lolaa isaa jijjiiruuf tarkaanfii (murtee) fudhata.
Kunis joobirri (Risaan) gara samiitti ol fagaatee kan balali'u yemmuu ta'u, hanguma joobirri (Eggle) qilleensa keessa ol fagaachaa deemu humni bofaa immoo faallaa isaa dadhabaa deema. Sababni isaas bofti uumamaan akka joobiraa (Risaa) qilleensa keessa ol fagaatee turuuf dandeettii hin qabu. Egaa, bofti lafa irratti dandeettii isaa Joibiratti agarsiisu, dirree lolaa joobiraatti garuu dadhabaa fi mo'amaa dha.
๐ DHAAMSA KOO
๐ซด Jireenya kee keessatti yeroo baay'ee mo'amuuf qoramta taanaan kallattii lolaa fi dorgommii kee geeddari.
๐ซด Iddoo diina keef mijataa ta'etti hin lolini.
๐ซด Yeroo baay'ee kan moo'amtu, moo'amaa taatee waan dhalatteef osoo hin taane, haalli, yeroo fi iddoon lolaa kee mijataa waan hin taaneefi.
Darajjee
๐ Barruulee dinqisiisoo fi milkaa'ina jireenyaaf ta'u hedduu argachuuf hidhaawwan (Links) armaan gadii fayyadamaa! ๐
๐ http://t.me/derejemieso
๐https://www.facebook.com/profile.php?id=100064800582708
EEBBIFAMAA! โค๏ธ