
S. DEREJE MIESO
2 subscribers
About S. DEREJE MIESO
The fear of the LORD is the beginning of knowledge: PROVERBS 1:7
Similar Channels
Swipe to see more
Posts

π«΄ DUNGOOWWAN GALMA KEETII HIN DHAAMSINI! π‘π‘ β‘οΈ Yaadota Gaarii Qabaadhu:- Sammuun kee guddaa sababa ta'eef, yaadota sammuu kee madaalan gonfadhu! β Boruun Kee Bu'aa Yaadota Keetiiti! β‘οΈ Dubbii Afaan Keetii Eeggadhu:- Sanyiin ati maasii kee irra facaaftu sababa gara garaan biqiluu dhabuu danda'a; dubbiin kee garuu ija godhachuuf humna guddaa qaba. Dubbiin gaariin ati waayee jireenya keetiif dubbattu "galaa kaayyoo" keetiiti. β Boru Ija dubbii afaan keetii nyaatta! β‘οΈ Qajeelfama Jireenyaa Qabaadhu:- Gara kaayyoo kee imaluuf naamusa horachuu qabdu tarreeffadhu. β Naamusni kee gaariin markaba gaariin gara fuula duraa si imalchiisu irra si teessisa. β‘οΈ Of gamaaggami:- ani maal hojjedhe? Maal hojjechaara? Maal immo hojjechuu qaba? Maaf?Yoom? Akkamitti? Eessatti? Gaaffiiwwan jedhaman of gaafadhu. Deebii quubsaas itti laadhu. β Jireenyi kee mana barumsaa isa sirrii ta'uu isaa hin dagatini. β‘οΈ Garaa Jaalalaa Qabaadhu:- Fira keey'isi; diina kee immoo hir'isi. β Garaan qulqulluun ba'aa jireenyaa salphisa.


πΏπ¨π³π¨ππ¨π¨ π±π¨π¨π³π¨π³π¨π¨ βGiiftii heerumte tokkoof bilbileen ture qarshiin irraa liqii qaba, garuu bilbila koo hin hin kaastu. Dachaa 10 caalaa bilbile, ammallee deebii hin arganne. Abbaan manaa ishee mana akka hin jirre waanan beekuuf ergaa kana isheef erguuf murteesse: "Akkam jirtu Sisy, ani qarshiif siif bilbilaa hin jiru.Har'a magaalaa keessatti shamarran 2 abbaa warraa kee irratti akka wal lolan qofa sitti himuun barbaade, Waldhabdee guddaa ture inni immoo achi qofa dhaabbatee ilaalaa ture,Intalli isheen tokko miliquun dhuftee konkolaataa isaa keessa waliin seenanii sokkan. Daqiiqaa muraasa booda naaf bilbilte garuu anis isheen tuffadhe. Isheen bilbiluu itti fufte bilbila ishee irraa hin kaasne si'a 21 erga bilbiltee booda ergaa akkas jedhu ergite; "Lolli eessa ture?" Eessa deeman? Shamarran sana Hubatteettaa? Mee natti himi,ani kufaan jira." Dubbiseen dhiise, deebii hin kennine. Ammas bilbilte, yeroo 5 anis hin deebisne, sana booda ergaa biraa ishee irraa naaf ergame: "Maallaqa kee qabeen jira maaloo wal arguu dandeenyaa? kanaaf caalaatti natti himtaa". Sana booda nan deebiseef, "Tole, karaa Mobile Money Ergi akkan boba'aa guuttadhee yeroon darbuu dhufeen si fuudhee gara mana intalan inni waliin deemeen si geessaati ittin jedhe. Daqiiqaa 2 booda,haftee herrega koon ilaale, maallaqni koo guutummaatti kaffalameera. Sana booda bilbila koo cufadhee akka daa'imaattin rafe... Diinagdee irratti haala kanaan haxxee (Abshaala) ta'uu qabda.β Robert Mugabetu jedhe!. π Via: sagalee wareegamtoota wangeela π Barruulee dinqisiisoo fi milkaa'ina jireenyaaf ta'u hedduu argachuuf hidhaawwan armaan gadii fayyadamaa! π π http://t.me/derejemieso π https://www.facebook.com/profile.php?id=100064800582708 π https://www.youtube.com/@derejemieso π http://tiktok.com/@derejemieso π https://whatsapp.com/channel/0029VamJ4upJuyA3biNtJn0O π https://www.instagram.com/derejemieso?igsh=MTB0bng5b3ZueHVxaw== EEBBIFAMAA! β€οΈ


π« ANATTI YOO FIROOMTE FIRA MILKAA'INAA TAATA! π¬ MIILTOO JIREENYAA KEE YEMMUU ANA TAASIFATTU:- πππππππππππππππππππ β Abdii keef cimina waaraa qabaatta. β Qajeelfamoota jireenyaa si barsiisa. β Sammuu kee muukuu oolcha. β Yemmuu sodaattu si onnachiisa. β Sammuu keef si'oomina si gonfachiisa. β Mul'ata keef kaka'uumsa sitti hora. β Kaayyoo keef si humneessa. β Sodaa egeree kee si dagachiisa. β Eenyummaa keef dhugaa jiru argatta. β Addunyaa fi Eenyummaa sobaa keessaa si baasa. β Fageessitee argita, fagaattee deemta. β Baay'ee dhaggeeffatta, muraasa dubbatta. β Hoogganaa cimaa jireenya keetii taata. β Jiraattee, awwaala dabartee akka jiraattu si taasisa. β Namoota keessa baduu si oolcha. β Guddummaa sammuu kee si hubachiisa. β Jireenya keef gammachuu argatta. β Gaabbii jireenyaa injifatta β Rakkinoota keef obsa horatta. β Addunyaa milkaa'inaa si abuursisa. β Gaggeessaa fi abbaa Mul'ataa taata. β Nama furmaataa taata. ANA DUBBISI, ANIS SIN DUBBISAA! π KITAABATU JEDHE π t.me/derejemieso EEBBIFAMAA! β€οΈ


π SAMMUUN XIQQAAN GARBUMMAA DHALOOTAATI! ============================ AMALLI ISAAS:- β‘οΈ Guyyaa har'aa caalaa guyyaa kaleessaa galateeffachaa jiraata:- Guyyaan darbe michuu isaati, Har'i isaaf komatamaa dha, Guyyaan boruu immoo diina isaati. β‘οΈ Gidduu -Galeessi jireenya isaa Beekumsa osoo hin taane beekkamtii dha. Isaaf, Faayilli Sadarkaa Barnootaa Isaa Beekumsa Xumuraati. Hamma beeku caalaa, hamma Inni dubbatutu caala. β‘οΈ Gaggeeffamaa jiraata:- Jireenyaan, siyaasaan, namootaan ... kanneen biroottu isa hooggana. Of hoogganuu caalaa namoota biroo hoogganuuf carraaqa. β‘οΈ Mul'ata Hin Qabu:- Mul'anni isaa waan ta'uuf jiru osoo hin taane wanta ta'ee darbee dha. "ARGUUN" osoo hin taane "ILAALUUN" jiraatu. β‘οΈ Obsa Hin Qabu:- Abiddi isa miidhu yeroo baay'ee aarii (dheekkamsa) isaati. β‘οΈ Karoora hin qabu:- Waan danuu (baay'ee) hojjechuuf dubbatus hin jelqabu, jelqabus hin xumuru. Sababni isaas waan hunda hojjechuuf wixineessa, garuu waan tokko osoo hin hojjetin hafa. π t.me/derejemieso
