S. DEREJE MIESO
S. DEREJE MIESO
February 14, 2025 at 08:00 PM
🫴 DUNGOOWWAN GALMA KEETII HIN DHAAMSINI! 💡💡 ➡️ Yaadota Gaarii Qabaadhu:- Sammuun kee guddaa sababa ta'eef, yaadota sammuu kee madaalan gonfadhu! ✍ Boruun Kee Bu'aa Yaadota Keetiiti! ➡️ Dubbii Afaan Keetii Eeggadhu:- Sanyiin ati maasii kee irra facaaftu sababa gara garaan biqiluu dhabuu danda'a; dubbiin kee garuu ija godhachuuf humna guddaa qaba. Dubbiin gaariin ati waayee jireenya keetiif dubbattu "galaa kaayyoo" keetiiti. ✍ Boru Ija dubbii afaan keetii nyaatta! ➡️ Qajeelfama Jireenyaa Qabaadhu:- Gara kaayyoo kee imaluuf naamusa horachuu qabdu tarreeffadhu. ✍ Naamusni kee gaariin markaba gaariin gara fuula duraa si imalchiisu irra si teessisa. ➡️ Of gamaaggami:- ani maal hojjedhe? Maal hojjechaara? Maal immo hojjechuu qaba? Maaf?Yoom? Akkamitti? Eessatti? Gaaffiiwwan jedhaman of gaafadhu. Deebii quubsaas itti laadhu. ✍ Jireenyi kee mana barumsaa isa sirrii ta'uu isaa hin dagatini. ➡️ Garaa Jaalalaa Qabaadhu:- Fira keey'isi; diina kee immoo hir'isi. ✍ Garaan qulqulluun ba'aa jireenyaa salphisa.
Image from S. DEREJE MIESO: 🫴 DUNGOOWWAN GALMA KEETII HIN DHAAMSINI! 💡💡  ➡️ Yaadota Gaarii Qaba...

Comments