
S. DEREJE MIESO
February 21, 2025 at 07:50 PM
👉 SAMMUUN XIQQAAN GARBUMMAA DHALOOTAATI!
============================
AMALLI ISAAS:-
➡️ Guyyaa har'aa caalaa guyyaa kaleessaa galateeffachaa jiraata:-
Guyyaan darbe michuu isaati, Har'i isaaf komatamaa dha, Guyyaan boruu immoo diina isaati.
➡️ Gidduu -Galeessi jireenya isaa Beekumsa osoo hin taane beekkamtii dha.
Isaaf, Faayilli Sadarkaa Barnootaa Isaa Beekumsa Xumuraati. Hamma beeku caalaa, hamma Inni dubbatutu caala.
➡️ Gaggeeffamaa jiraata:-
Jireenyaan, siyaasaan, namootaan ... kanneen biroottu isa hooggana. Of hoogganuu caalaa namoota biroo hoogganuuf carraaqa.
➡️ Mul'ata Hin Qabu:-
Mul'anni isaa waan ta'uuf jiru osoo hin taane wanta ta'ee darbee dha. "ARGUUN" osoo hin taane "ILAALUUN" jiraatu.
➡️ Obsa Hin Qabu:-
Abiddi isa miidhu yeroo baay'ee aarii (dheekkamsa) isaati.
➡️ Karoora hin qabu:-
Waan danuu (baay'ee) hojjechuuf dubbatus hin jelqabu, jelqabus hin xumuru. Sababni isaas waan hunda hojjechuuf wixineessa, garuu waan tokko osoo hin hojjetin hafa.
🔗 t.me/derejemieso
