
S. DEREJE MIESO
February 22, 2025 at 02:11 PM
HUMNOOTA SODAA JIREENYA KEETII INJIFADHU
==================================
1. UUMAA KEE WAJJIIN HARIIROO SIRRII QABAADHU:- Kaayyoon uumamuu keetii Inni jelqabaa Uumaa keef bitamtee uumama isaan kaan Akka bittuufi dha. Jireenya Kee isa dhugaaf hariiroon ati Uumaa kee wajjiin qabdu murteessaa dha.
🫴 Waaqayyoof bitami, Inni immoo waan si barbaachisu hundaaf moo’icha si gonfachiisa.
2. MADDOOTA SODAA KEETII ADDA BAAFADHU:- Wantoonni sodaa sitti uuman maal fa’i? Dhabuu? Maatii? Hiriyyaa? Umurii keetii? Sadarkaa barumsaatii?
🫴 Madda sodaa beekuu dhabuun kee saaphana rakkinaa keessatti hafuuf si saaxila.
3. YEROO SODAA KEETII ADDA BAAFADHU:- Waayee jireenya Keetii Ilaalchisee addumaan sodaan kan sitti dhaga’amu yeroo akkam akkamiiti? Yeroo Yaaddu? Yeroo Hojjettuu? Yeroo kophaa Kee jirtuu? Yeroo namoota wajjiin jirtuu? Yeroo Rakkattuu? …
🫴 Diinota yeroo keetii to’adhu!
4. ADDA BA’I:- Qaamni “kaayyoo jireenya” kee dhugaatiif si hin deeggarree kamuu summii si ajjeesuun guutuu dha.
🫴 Jireenya dhugaa jiraachuu yemmuu jel-qabdu firoota waa'ummaa ni dhabda.
5. OFITTI AMANAMUMMAA QABAADHU:- Ati mo'amuuf hin dhalanne. Ati Dandeettiiwwanii fi Kennaawwan dinqisiisoo wajjiin gara addunyaa kanaa dhufuu Kee hin shakkini. Ati Lakkoofsa ummata addunyaa guutuuf osoo hin taane Hir’ina Addunyaa Kanaa KeessaaTokko Guutuuf Dhalatteerta!
🫴 Waan hojjechuuf dhalatte akka milkeessitu yoo amante humni si daangessu kamuu hin jiru.
📖 Barruulee dinqisiisoo fi milkaa'ina jireenyaaf ta'u hedduu argachuuf hidhaawwan armaan gadii fayyadamaa! 🙏
🔗 t.me/derejemieso
🔗 https://www.facebook.com/profile.php?id=100064800582708
🔗 http://tiktok.com/@derejemieso
🔗 https://www.youtube.com/@derejemieso
🔗 https://whatsapp.com/channel/0029VamJ4upJuyA3biNtJn0O
🔗 https://www.instagram.com/derejemieso?igsh=MTB0bng5b3ZueHVxaw==
EEBBIFAMAA! ❤️
