
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
February 9, 2025 at 12:56 PM
Tiraamp Puutiin waliin akka dubbatan dhagahame.
Prezdaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp waa’ee waraana Yukireen xumuramuu ilaalchisee preezdaantii Raashiyaa Puutiin waliin bilbilaan kan dubbatan ta’uu Rooyitars gaazexaa Niiw Yoork Poostii wabeeffachuun gabaaseera.
Tiraamp Jimaata darbe xiyyaara Air Force One irratti gaaffii fi deebii taasisaniin hoggantoonni lamaan yeroo hammamiif akka dubbatan gaafatamee, ''homaa dubbachuu dhiisuun gaariidha'' jechuun deebisaniiru.
''Inni (Putin) duuti akka dhaabbatu barbaada,'' jechuun gabaasni kun isa wabeeffatee ibseera. Rooyitars waa’ee taatee kanaa Kremlin irraas ta’e Waayit Haawus irraa deebii akka hin arganne ibseera.
Dhuma baatii Amajji keessa dubbi himaan Kremlin Dimitiri Peeskov Puutiin Tiraamp waliin bilbilaan dubbachuuf qophaa’aa akka jiruu fi Moskoo dubbii jalqabaa Waashingitan irraa eegaa akka jirtu dubbataniiru.
Jimaata darbe Pirezidaanti Tiraamp torbee dhufu preezdaantii Yukireen Zelensky waliin wal arguun waraana kana xumuruu irratti akka mari’atan dubbataniiru. "Operaashiniin waraanaa addaa" Raashiyaan Yukireen irratti bante gara torban lamaa booda waggaa sadii ni guuta.
Waldhabdee kanaan lammiileen Yukireen harki caalaan isaanii ajjeefamaniiru. Tiraamp gaazexaa Niiw Yoork Poostiitti akka himanitti, Puutiin waliin hariiroo gaarii qaba. Tiraamp garuu bal’inaan hin ibsine.
"Namoonni guyyaa guyyaan du'aa jiru. Waraanni Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru suukaneessaadha. Waraanni akka dhaabbatu nan barbaada." Jedhan Traamp
Tiraamp Waayit Haawus osoo hin seenin dura yeroo gabaabaa keessatti waraana Raashiyaa fi Yukireen akka xumuran waadaa galan, garuu hanga ammaatti hin milkoofne.