Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo! WhatsApp Channel

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

35 subscribers

About Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

Ummata keessa teenyee Ummata keenyaaf hojjenna!

Similar Channels

Swipe to see more

Posts

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
1/31/2025, 4:55:00 PM

Barcuma abbaa Irree tiksuutti ofii warra dhuman

👍 1
Video
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
2/5/2025, 3:44:23 PM

Dhaabbilee waldaalee siivikii kuma 5 ol miseensa tahanii fi pirezedaantii mana marichaa kan ta’an Ahmed Huseen akka jedhanitti murteen guyyoota 90f USAID irratti murtaa’e kun akka tasaa murteen sun darbuun miidhaan isaa guddaa ykn hamaa tahuu himan Akka Pirezidaantichi jedhanitti murteen kun hojiiwwan nagaa, fayyaa, hawaasummaa, fi kanneen biroo dhaabbileen lammummaa hedduun hojjechaa turan fi hojjechuuf karoorfatan gufachiiseera. https://sagaleeqeerroo.com/manni-maree-dhaabbilee-hawaasa-siivilii-itiyoophiyaa-dhimma-usaid-irratti-mootummaan-deeggarsa-dippilomaasii-akka-godhu-waamicha-dhiyeesse

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
2/9/2025, 12:56:51 PM

Tiraamp Puutiin waliin akka dubbatan dhagahame. Prezdaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp waa’ee waraana Yukireen xumuramuu ilaalchisee preezdaantii Raashiyaa Puutiin waliin bilbilaan kan dubbatan ta’uu Rooyitars gaazexaa Niiw Yoork Poostii wabeeffachuun gabaaseera. Tiraamp Jimaata darbe xiyyaara Air Force One irratti gaaffii fi deebii taasisaniin hoggantoonni lamaan yeroo hammamiif akka dubbatan gaafatamee, ''homaa dubbachuu dhiisuun gaariidha'' jechuun deebisaniiru. ''Inni (Putin) duuti akka dhaabbatu barbaada,'' jechuun gabaasni kun isa wabeeffatee ibseera. Rooyitars waa’ee taatee kanaa Kremlin irraas ta’e Waayit Haawus irraa deebii akka hin arganne ibseera. Dhuma baatii Amajji keessa dubbi himaan Kremlin Dimitiri Peeskov Puutiin Tiraamp waliin bilbilaan dubbachuuf qophaa’aa akka jiruu fi Moskoo dubbii jalqabaa Waashingitan irraa eegaa akka jirtu dubbataniiru. Jimaata darbe Pirezidaanti Tiraamp torbee dhufu preezdaantii Yukireen Zelensky waliin wal arguun waraana kana xumuruu irratti akka mari’atan dubbataniiru. "Operaashiniin waraanaa addaa" Raashiyaan Yukireen irratti bante gara torban lamaa booda waggaa sadii ni guuta. Waldhabdee kanaan lammiileen Yukireen harki caalaan isaanii ajjeefamaniiru. Tiraamp gaazexaa Niiw Yoork Poostiitti akka himanitti, Puutiin waliin hariiroo gaarii qaba. Tiraamp garuu bal’inaan hin ibsine. "Namoonni guyyaa guyyaan du'aa jiru. Waraanni Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru suukaneessaadha. Waraanni akka dhaabbatu nan barbaada." Jedhan Traamp Tiraamp Waayit Haawus osoo hin seenin dura yeroo gabaabaa keessatti waraana Raashiyaa fi Yukireen akka xumuran waadaa galan, garuu hanga ammaatti hin milkoofne.

Link copied to clipboard!