
OMN-Oromia Media Network Official
February 3, 2025 at 06:01 PM
Godina Baalee Aanaa Goobbaa Ganda Riraa keessaa hawaasni sababa misooma Paarkitiin buqqifamaa jiraachuu himan.
Misoomaa Paarkii Biyyaaleessa Gaarreen Baaleetiin hawaasni Aanaa Goobbaa Ganda Riraa buqqifamaa jiraachuu himani jiru.
Hawaasni kun osoo paarkiin kun hin hundeefamni dura irraa jalqabee Ganda kana keessaa jiraataa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa mootummaan hawaasa jireenyi isaani daangeefama paarkii kana keessa jiru buqqisuuf hawaasa mari'achiisaa jiraachuu ibsan.
Ragaan viidiyoo OMN hawaasa marii taasisaa jiru irraa argate akka mul'isutti ummanni Ganda Riraa waggoota dheeraaf paarkicha keessa jiraachuu qofa osoo hin taane, paarkichas kunuunsaa turuu ibsuun amma gara keessaa kaanu hin qabnu jedhan.
Qe’ee fi qabeenya bakka kanatti horre irraa beenyaa malee kaafamuuf dhiibbaan nurratti taasifamaa jira jechuun komii isaanii OMNtti himan.
Mootummaan gama isaatiin Paarkiin Gaarreen Biyyaaleessa Baalee bara darbe UNESCO irratti galmaa’uu hordofee, kunuunsa paarkichaaf taasisuuf ummanni keessa qubate keessaa ka'u qaba jechuun itti deemaa jira.