
OMN-Oromia Media Network Official
February 3, 2025 at 09:12 PM
Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruu ganda Qanxichaatti balaa sigiga lafaa mudateen hanga galgala kanaatti namoonni kudhanii ol du'aniiru jedhame.
Balaan kun kan mudate lafa albuuda mala aadaatiin baafamutti yoo ta'u, namoota albuuda baasaa turan irratti sigigaachuun jedhameera.
Reeffi namoota biroos baafamuuf barbaadamaa jiraachuu jiraattonni naannoo himaniiru.