OMN-Oromia Media Network Official
February 4, 2025 at 09:16 AM
Keeniyaan Waraana Bilisummaa Oromoo irratti oppireeshinii adeemsiisuuf akka jirtu ibsite.
Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa qaama ittisa yakkoota daangaa ce’an hojjechaa jiru Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee Kaawuntii Marsaabit fi Isi’oloo keessa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) socho’utti oppireeshinii addaa “Operation Ondoa Jangili” eegaluu ibse.
“Duulli sadarkaa olaanaa kun yakkamtoota hojiilee seeraan alaan nageenya biyyaalessaa Keeniyaa irratti balaa guddaa geessisan irratti xiyyeeffata” kan jedhe Tajaajilichi, gareen hidhattoota WBO kutaalee kaawuntii Sololoo, Mooyyalee, Horri Kaabaa fi Martii keessatti gochaalee seeraan alaa hedduu raawwachaa tureera jechuun himate.
Gochoonni seeraan alaa garee hidhattoota kanaan raawwataman kunneenis “daddabarsa meeshaalee waraanaa, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi namaa, akkasumas hojii albuuda seeraan alaa baasuu, waldhabdee gosaa kakaasuu fi maallaqaaf nama butuu” ta’uu ibse.
Inispeektar Jeneraalaa Tajaajilichaa Gilbart Masengee haasaa surna jalqabiinsa haasaa kana irratti taasisaniin hawaasni naannoo duulli kun itti eegalametti argaman nageenya isaanii kan mirkanaa’e ta’uu eeruun, tasgabbiidhaan “gareewwan nageenyaa duula kana gaggeessaa jiran waliin akka tumsan” waamicha dhiyeessani jiru.
Oduun kun kan dhagahame erga hagayya bara 2024 Daayirektara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Itoophiyaa Ambaassaddar Redwaan Huseen fi gita isaanii Keeniyaa Nuraddiin Mohaammad Hajii Finfinneetti wal arguun dhimmoota “rakkoo nageenyaa fi sochii humna finciltootaa naannawaa daangaatti socho’an” ilaalchisee mari’atani booda.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO- WBO) gama isaatiin waraana Keeniyaa waliin lola tokkollee akka hin qabnee fi isaan loluufis akeeka akka hin qabne ibse.