OMN-Oromia Media Network Official
OMN-Oromia Media Network Official
February 20, 2025 at 01:10 PM
Mootummaan Ertiraa meeshaa waraanaa danuu Itoophiyaa harkaa qabachuun ibsame. Mootummaan Itoophiyaa waraana Ertiraa wajjiin jalqabuuf gahumsa waraanaa olaanaa hin qabus jedhamee jira. Waraana Mootummaa Federaalaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay jiddutti adeemsifame irratti kutaaleen waraanaa Ertiraa 15 ol hirmaachuu kan yaadachiisan hayyuun seenaa Piroofeesar Isqeel Gabbisaa, loltoonni mootummaa Itoophiyaa makaanayziidi dabalatee meeshaalee waraanaa hedduu qabachuun karaa Ertiraatiin TPLF waraanaa turan jechuun yaadachiisan. Mootummaan Ertiraa hidhattootaa naannoo Amaaraa kuma 24 dhoksaan leenjisaa jiraachuu hordofee mootummaan Itoophiyaa atantamaan walii galtee Piritooriyaa raawwate jechuun loltoota Tigraay kuma 270 qabatee Ertiraa waraanuuf karoora qabatus Qondaalonni TPLF waan didaniif hin milkooyne jedhan. Mootummaman Ertiraa meeshaalee waraanaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa qabatee biyya isaa keessaan TPLF waraana ture akkuma waliigalteen Piritooriyaa mallattaa’een, meeshaa guutuu saamuun loltoota harka qullaa Itoophiyatti deebisee kan jedhan Piroofeessar Isqeel, meeshaan waraanaa kun Makaanayziidii dabalataa jedhan. Mootummaan Itoophiyaa sochii waraanaa Ertiraan taasisaa jirtu dura dhaabbachuuf meeshaa waraanaa fi Konkolaattota waraanaa 150 Gamtaa Emireetota Arabaa irraa fe’ee galchuu ibsuun, diroonii Turkiyyee Baayraktar TB2 jedhamu ammoo Turkii irraa bituun gara biyyaa galchee jedha. Diroonniin kun jalqaba Azarbaajiyaanii fi Armeeniyaa jiddutti hojii irra oolu hordofee meeshaan waraanaa dirooniin kun hidhatu achi irra kaaraa itti Aanaa mummicha ministiraa Tamasgeen Xurunaatiin bitamee jechuun ibsan. Mootummaan Itoophiyaa hidhannoo xayyarota waraanaa dabalatee meeshaalee waraanaa Azarbaajiyaan irraa bituun doonii 3n gara biyyaa osoo galchaa jiru dooniwwan bubbeen dhiibee buufata doonii Jibuutii irraa maqsuun naannawa buufata galaanaa Ertiraa waan seensiseef Ertiraan harkaa qabattee jedhan. Kanaaf mootummaan Ertiraa meeshaalee waraanaa yeroo TPLFn waraanuuf Itoophiyaa qabattee Ertiraa keessaan waraanaa turtee fi meeshaalee waraanaa alaa bitamani dhufan dooni sadi harkaa qabatte waan taateef Itoophiyaan waraana kanatti seenuuf gahumsa qabdi jedhee hin yaaduu jedhan. Gama biraatiin qondaalonni waraana Itoophiyaa Jeneraal Alamsheet Daggifee fi Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa akkuma jedhaa turan humni waraanaa Itoophiyaa waraana wal irraa hin cinneen dadhabee jira waan taateef lola keessa seenuu hin barbaadu jechuun ibsan. Raayyaan Ittisa Biyyaa waraana naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiruun laafee jiraachuu eeruun, karoorri Ertiraa humna qilleensaatiin waraanaauf karoorfames, hidhannoon xayyaarota waraanaa galaana irraa gara biyyaa galaa jiru Ertiraan qabamuu hordofee Itoophiyaan waraana kana dura dhaabbachuuf ykn waraanatti seenuuf humna gahaa hin qabdu jedhan. Kanaaf mootummaan Itoophiyaa karaa Pirizidaantii duraanii Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaatiin hawaasni Idil-addunyaa Ertiraan irratti dhiibbaa uumee waraanicha akka jalqabne akka taasisuuf waamicha san Al-Jaziiraa irratti taasisee jedhan.

Comments