Qubee TV
Qubee TV
January 31, 2025 at 08:18 AM
Shamarreen Liibiyaatti ugguramte dararamaa turte birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte. Qubee TV (Amajjii 31, 2025) Finfinnee! Shamarreen Oromoo baatii saddeet dura barumsa adda kuttee jireenya caaluuf magaalaa Shaashamannee irraa ka’un godaansarra osoo jirtuu Liibiyaatti hidhattootaan butamtee dararaan irratti raawwatamaa ture Na'iimaa Jamaal birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte. Hidhattoonni ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan, Maatiinis maallaqa gaafatame kaffaluun akka itti cimuu himuun birmannaa gaafatanii turan. Na'iimaan amma hiikamuu ishee mirkaneessiteetti. Erga gadhiifamte booda turtii BBC waliin taasifteen lammiileen Itoophiyaa ishee waliin kan ugguraman baay'ee ta'u eeruun, isheefi kaan muraasni kaffalameef qofti gadhiifamuu dubbatte. Muddannoo ishee hidhaa keessaatti keessa dabarte yeroo himtu, “baay'ee tokko ulfaata. Reebichi, beeluunis wanta baay'eetu jira. Nyaanni hin jiru. Guyyaatti si'a tokko qofa nyaanna,” jette. Waggaa darbe barnoota kutaa 11ffaa adda kuttee gara Liibiyaa deemuu kan yaadachiistuu Na'iimaan, “wanta keessa darbe yoon yaadadhu hedduun gaabba” jetti. Itti dabaluun, “[Namoonni] osoo biyya isaanii keessa taa'anii wayya. Hiriyyoonnikoo karaarratti du'aniiru” jette. Maddi: BBC

Comments