Qubee TV
134 subscribers
About Qubee TV
Qubee TV Is A Broadcast Media Channel Established To Be The Best In Ethiopia And East Africa. Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.com Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv Tiktok : https://www.tiktok.com/@Qubee_
Similar Channels
Swipe to see more
Posts
Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurame. Qubee TV ( Caamsaa 16, 2025) Finfinnee! Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan guyyoottan 15 darbaniif magaalaa Ambootti gaggeeffamaa ture olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurame. Taphichi gosoota Ispoortii 24'n magaalota 22fi godinaalee 21 irra ispoorteessitoota kuma 8fi 500 hirmaachisuun geggeeffamaa ture. Duudhafi seenaa ummata Oromoo, akkasumas tokkummaa ummataa cimsuu keessatti Taphni Guutuu Oromiyaa gahee olaanaa bahachaa jiraachuu sirna cufiinsaarratti argamuun haasawa kan taasisan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ibsan. Dorgommichi Ispoorteessitoota cicimmoo naannoofi biyya bakka bu'an horachuufi maqaa gaarii naannichaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Meedaaliyaa Warqee 84, Meetii 81 fi Nahasii 57, waliigalaan meedaaliyaa 222fi Waancaa 28 argachuun dorgommicha olaantummaan xumure. Adaamaafi Bishooftuun ammoo sadarkaa 2ffaafi 3ffaan xumuran. Taphni guutuu oromiyaa marsaan 28ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaas jedhame. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Korporeeshiniin manneen Jireenyaa Federaalaa dhaabbilee tola ooltummaa 3'f deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasise. Qubee TV ( Caamsaa 15, 2025) Finfinnee! Korporeeshiniin Manneen Jireenyaa Federaalaa Giddugala Deeggarsa Maanguddootaafi Dhukkubsattoota Sammuu Maqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 5, Dhaabbata Deeggarsa Haadholiifi Warra Qaama Miidhamtootaa Emnet, Dhaabbata Tola ooltummaa Yesirlanaatiif Birrii miiliyoona 2.5 kenne. Hojii gaggeessaan olaanaa Korpooreeshinii Manneen Jireenyaa Federaalaa obbo Rashaad Kamaal dhaabbilee deeggarsi taasifameef kana keessatti namoota gargaaramaa jiran qaamaan deemuun haala isaan irra jiran daawwatan. Obbo Rashaad Deeggarsa kana wayita taasisanitti korporeeshinichi misooma geggeessaa jiruun cinaatti, dhaabbilee tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa biyyattii furuu irratti xiyyeeffataniif deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu taβuu ibsan. Itti dabaluunis korporeeshinichi gamoo daldalaa haaraa Piyaassaatti ijaaru keessaa, bakka kanaan dura sababa misoomaatiin diigamee, gamoo daldalaa tokko Maqadooniyaaf akka arjoomu ibsan. Rakkoolee Mootummaa qofaan furuun waan hin dandaβamneef, hojii gaarii dhaabbileen tola ooltummaa akkanaa jalqaban babalβisuuf korporeeshinichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Qormaatni Kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamuuf kompiitaroonni kumni 80 ol qophaaβaa jira. Qubee TV ( Caamsaa 23, 2025) Finfinnee! Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamuuf kompiitaroonni kumni 80 ol qophaaβaa jiraachuun ibsame. Daayireektarri Olaanaan Tajaajila Madaallii Qormaataafi Barnootaa Biyyaalessaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan FBCtti akka himanitti, barattoota qormaaticha fudhatan kuma 600fi kuma 8 ol keessaa barattoota kuma 100fi kuma 50 karaa oonlaayinii qoruuf karoorfame. Bara darbe qormaatichi yeroo jalqabaaf karaa onlaayinii kennamuu akka eegale yaadachiisanii, rakkoon dhiyeessii kompiitaraa akka ture himan. Rakkoo kana furuuf barattoota karaa onlaayiniin qormaaticha qoramaniif kompiitaroonni kumni 80 ol qophaaβaa jiru jedhan. Barattoonni meeshaalee qormaatichaaf barbaachisan kan hin dhiyeessine taβuu eeruun, maatiin barattoota isaanii manneen barnootaa dhuunfaatti barsiisan garuu fedhii isaaniin bifa deeggarsaan dhiyeessuu akka dandaβan hubachiisan. Guyyaan qormaatichaa osoo hin gaβiin jiβoota lama dursuun barattoonni shaakala taasisaa akka jiranis dubbatan. Wayita qormaataa rakkoon adda ciccituu neetwoorkiifi humna ibsaa akka hin mudanneef qophiin taasifamaa jira jedhan. Barattoonni qormaaticha waraqaan qoraman hundi Yuuniivarsiitiiwwanitti kan qoraman taβuufi barattoonni onlaayiniin qoraman ammoo Yuuniivarsiitiiwwan, manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa, kolleejjiiwwan leenjii fayyaafi leenjii barsiisotaa akkasumas kolleejjiiwwan teeknikaafi ogummaa keessatti kan fudhatan taβuu eeran. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Teeknooloojiin guddina Itoophiyaa hunda haammateef qooda murteessaa qaba jedhan Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaaseen Qubee TV ( Caamsaa 16, 2025) Finfinnee! Teeknooloojiin guddina Itoophiyaa hunda haammateef qooda murteessaa qabaachuu Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee himan. Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee akka jedhanitti, Eksipoo Teeknooloojii Itoophiyaa ETEX-2025, agarsiisa qofa osoo hin taane Itoophiyaan gara fuulduraatti maal gochuu akka barbaaddu kan agarsiisudha jedhan. Eksipoon Teeknooloojii Itoophiyaa Afrikaa Bahaatti kan jalqabaa taβe ETEX-2025, Giddugala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addis keessatti guyyoota 3f geggeefamuu eegalame. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Duulli talaallii dhibee Gifiraa eegalame. Qubee TV ( Caamsaa 14, 2025) Finfinnee! Duulli talaallii dhibee gifiraa qindaawaa Sadarkaa Biyyaalessaatti kennamu guyyaa har'aa eegalme. Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii kun bakka Hoggantoonni olaanoo argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eegalame. Duulli qindaaβan talaallii ittisa dhibee gifiraa daaβimman umuriin isaanii waggaa shanii (5) gad taβan hundaaf kanaan dura talaalfamanis talaalfamuu baatanis kan fudhatan taβuu saganticharratti ibsame. Talaallii qindaawaa dhibee gifiraa kana daaβimman miliyoona 7.3 taβaniif kennuuf kan karoorfame yoo ta'u, kunis dhaabbilee fayyaa jiran hunda keessattiifi giddugaloota yeroodhaaf duula kanaaf qopha'an keessatti kan keennamu taβa. Maddi: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Kitaabni mata dureen isaa 'Kaayyoo jireenya Keetii Murteessi' jedhu Dilbata GAOti eebbifama Qubee TV ( Caamsaa 16, 2025) Finfinnee! Kitaabni mata dureen isaa 'Kaayyoo jireenya Keetii Murteessi' jedhu Barreessaa Saalih Ibraahiimiin barraa'e Dilbata Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti ni eebbifama. Kitaabichi mata dureewwan gurguddaa 15 ofkeessaatti qabatee kan jiruufi gaafa guyyaa Dilbata 10/ 09/ 2017 bakka keessummmootni garaagaraa argamanitti ni eebbifamaas jedhame. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
PSGn yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifate. Qubee TV ( Waxabajjii 1, 2025) Finfinnee! Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa halkan edaa Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen PSG'n galchii 5fi 0'n Intermiilaan injifate. PSG'n yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifate. Lafti seenaa Muunik bakka kilaboonni goonfoo jalqabaa itti goonfootan ta'uun seenaa galmeessuu itti fufe.
Haatii fi abbaan buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daaβimarratti raawwatame dhoksuuf yakka ajjeechaa raawwatan duβaan adabaman. Qubee TV ( Caamsaa 23, 2025) Finfinnee! Magaalaa Dirre Dhawaatti Haadhaafi Abbaa Buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daaβima guddattuurratti raawwatame dhoksuuf wayita yaalaan yakka ajjeechaa raawwatan duβaan akka adabaman itti murtaaβe. Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi dhimmoota yakkaa ramaddii 4ffaa Dirre Dhaawaa murtoo kana dabarsuu ibsame. Himatamtoonni Haannaa Bayyanaafi Biruuk Alamuu jedhaman seera yakkaa Mootummaa Federaalaa bara 1996 bahe keeyyata 32 muraa 1 Afi keeyyata 539 muraa A jalatti tumame darbuun yakka kana raawwatan jechuun abbaan alangaa himata 4 irratti dhiyeesse. Himatamtoonni kunneen daaβima umrii waggaa 11 dirqiiin gudeedamte yakka irratti raawwatame dhoksuuf jecha Onkololeessa 30, 2015 reebuun ajjeessuu isaanii ibsame. Himatamtoonni kunneen daaβima yakki guddeeddii irratti raawwate akka haadhaafi abbaatti kunuunsiifi jaalala kennuufii osoo qabanuu haala suukaneessaafi gara jabina qabuun yakka guddeeddii irratti raawwatame dhoksuuf jecha yakka ajjeechaa cimaa raawwachuu isaaniin himataman. Shakkamtoonni kunneen dhimmoota ittiin himataman arfaniinuu badii raawwachuu isaanii abbaan alangaa ragaa sanadaafi namaan irratti mirkaneesse. Manni murtichaas dhaddacha harβa ooleen himatamtoonni duβaan akka adabaman itti murtaaβe. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Suphaan Masjiida Al-Najaashii yeroo waraana Tigraay miidhame dhibbeentaa 90 xumuramuu ibsame. Qubee TV ( Caamsaa 15, 2025) Finfinnee! Masjiidni seena qabeessaa akka Afrikaatti isa jalqabaa taβuu himamuufi yeroo waraana Tigraay βdhukaasa meeshaa waraanaatiin miidhaa guddaan irra gahuuβ ibsame masjiidni Al-Najaashii, hojiin suphaa isaa dhibbeentaa 90 xumuramuu ibsame. Qindeessituun Aadaafi Tuurizimii Aanaa Kiltee Awlaaloo Aadde Zaafuu Gabrasillaasee akka jedhanitti, ji'oota saddeet darbaniif deeggarsa mootummaa Turkiifi dhaabbata gargaarsaa Tikaa jedhamuun masjiida kanaaf ogeeyyii biyya keessaatiin suphaafi haaromsa taasifamaa ture. Miidhaan dhukaasa meeshaa waraanaa cimaan qaama masjiidichaa fi mana keessummootaa irra gahe hamaa taβus, hojiin haaromsaafi suphaa irra caalaan isaa yeroon xumuramuusaa qindeessituun kun dubbachuu isaanii odeeffannoo DW TV irraa argame ni mulβisa. Hojiin hafe guyyoota muraasa keessatti ni xumurama jedhamee kan eegamu taβuu kan akeekan itti gaafatamtuun kun, qulqullinni hojii suphaa kanaas ogeeyyii Yuunvarsiitii Maqalee, hoggantoota sadarkaa hundarra jiraniifi miseensota hawaasaatiin mirkanaaβuu isaa beeksisan. Waggaa tokko dura mootummaan Turkii masjiida Al-Najaashii suphuuf deeggarsa maallaqaafi teeknikaa barbaachisaa taβe kennuuf waliigalteerra gaβuu isaa Ministeerri Tuurizimii beeksisuu ni yaadatama. Maddi: Addis Standard #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Damee Geejjibaa ammayyeessuuf tooftaaleen kaffaltii Diijitaalaa 3 ifooman. Qubee TV ( Caamsaa 14, 2025) Finfinnee! Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii Itiyoo Teeleekoomii waliin taβuun Tajaajila Geejjiba Ummataaf sirna tajaajila dhiyeessa Bobaβaa qindaaβaa iftoomsuudhaan tooftaaleen kaffaltii Diijitaalaa 3 hojii eegalchiisan. Dhaabbileen lamaan Tajaajila Geejjiba qaxxaamura biyyaaf sirna tajaajila dhiyeessa Bobaβaa qindaaβaafi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa waltaaβaa taβe ifoomsan. Tooftaaleen Diijitaalaa kunneen adeemsa tajaajila dhiyeessa Bobaβaa ammayyeessuufi odeeffannoo gurgurtaafi bittaa bobaβaa sirrii taβe yeroon argachuuf kan dandeessisu taβuun eerame. Maamiltoonni dhaabbilee Faayinaansii garaagaraa keessatti filannoowwan argachuu akka dandaβan, adeemsi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa iftoomina akka qabaatu taasiisuufi dhamaatii tajaajilamtootaa hirβisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuun himame. Sirnichi dandeettii qindoominaan hojjechuu guddisuun carraa hojii uumuufi sirna Diijitaalaa haammataa taβe cimsuu keessatti gahee jabaa qabaachuun ibsame. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420