Qubee TV
Qubee TV
February 1, 2025 at 07:17 AM
Ameerikaatti balaan xiyyaaraa sadaffaan jimaata halkan mudate. Qubee TV (Gurraandhala 1, 2025) Finfinnee! Ameerikaatti Xiyyaarri dhukkubsataafi hojjettoota qabattee gara Meeksikoo deemaa turte naannoo 'Filadelfiyaatti' kufte. Shamarreen Filadelfiyaatti yaalamaa turteefi haati ishee hoosistuu gara mana isaanii Meksikootti osoo deemaa jiranii xiyyaarri isaan ittiin deemaa turan Jimaata halkan kufuun balaa qaqqabsiise. Balaa kana hordofuun suuraa socho'aa manneeniifi konkolaattonni ibiddaan gubatan agarsiisan mul'achaa jiru, balaa mudate kana poolisiin magaalichaas mirkaneesseera. Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaas xiyyaara kufe kana keessa namoonni jaha akka turan beeksisuun Isaan keessaa afur hojjettoota xiyyaaraa yoo ta'an, kanneen hafan ammoo daa'ima dhukkubsatteefi haadha hoosistu turan. Ministeerri Dhimma Alaa Meeksikoo haadhaafi daa’ima malees, balaliisaafi gargaaraa balaliisaa, akkasumas ogeeyyiin fayyaa lama xiyyaaricha keessa kan turan yoo, hundi isaanii lammiilee Meeksikoo ta’uu beeksise. Xiyyaarri yaalaa 'Learjet 55' kufe kun gara Meksikootti osoo deemaa jiruu boba’aa guutuuf buufata xiyyaaraa 'Springfield'tti bu’uuf karoorfate imalaa ture jedhame. Haa ta'u malee xiyyaarichi buufata irraa erga ka'ee sekondii 30 booda kufuun isaa gabaafame. Hojjettoonni balaa tasaa xiyyaarri yaalaa xiqqaan kun erga kufee booda namoota lubbuun hafan baraaruuf gargaaruuf gara Kaaba Baha 'Filadelfiyaa'tti imalanii jiru. Balaa kana dabalachuun Ameerikaatti torbee darbe keessa qofa balaan xiyyaaraa sadii mudatee jira. Imaltoonni kunneen lubbuun jiraachuufi du'uu isaanii ilaalchisee hanga ammaatti wanti ifa ta'e hin jiru jechuun CNN gabaase.

Comments