
Qubee TV
February 1, 2025 at 04:30 PM
Gudeeddiifi Ajjeechaa suukaneessaan daa'ima Simboo Birhaanu irratti Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti raawwatame.
Qubee TV (Gurraandhala 1, 2025) Finfinnee!
Gudeeddiifi Ajjeechaa suukaneessaan daa'ima Simboo Birhaanu irratti raawwatame kun Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti guyyaa Roobii raawwate.
Daa'immanii kun mana ishee irraa erga fuudhamtee booda gudeedamuun ajjeefamte argamuun ishee dheekkamsa guddaa kaase.
Maatiin Simboo "wanti nu mudate nama biraa mudachuu hin qabu" kan jedhan yakka fokkisaa daa'ima isaanii xiqqoo kana irratti raawwatameef haqa barbaadaa akka jiran himan.
Daa'imni ol-guddattuun ganna 10 taatu, Simboo Birhaanu Barattuu kutaa tokkoffaati, Torban darbe kana, Roobii Erga mana barumsaatii deebitee laaqana erga nyaattee booda mana isheetii fudhanii yakka suukaneessaa irratti raawwatan.
Akkaataa daa'imni kun ajjeefamte irratti poolisiin ammatti waan ifa godhe hin qabu, Hospitaallis qorannoo ifa hin goone.
Ollaan daa'ima kanaa guyyaa ajjeechaan kun raawwate poolisoonni dhufuun ''suuraa kaasanii deeman,'' jechuun taatee guyyaa sanaa ibsan.
Maatiifi ollaan 'Simboon gudeedamtee fannifamtee' argamuu ibsaniiru.
''Manni yaalaa asii ilaalee gudeeddiitu irratti raawwate jedhe'' jechuun ollaan ibsan, wanti kun hawaasa keessa rifaatuu uumuu himuun ''safuutu cabe'' jedhan.
Bulchaa Aanaa Meettaa Walqixxee Obbo Birhaanuu Ajjamaa garuu namoonni shakkaman to'atamuu ibsan.