Qubee TV
Qubee TV
February 2, 2025 at 09:45 AM
Dooktar Abiyyi Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta'uun irra deebiin filataman. Qubee TV (Gurraandhala 2, 2025) Finfinnee! Dooktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta'uun irra deebiin filataman. Yaa'ii Idilee 2ffaan Paartii Badhaadhinaa guyyaa 3ffaan Dooktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Paartichaa taasisuun sagalee olaanaan filataman. Pireezidaantii paartichaa ta'uun kan filataman Dooktar Ahimad akkaataa Dambii paartichaan hirmaattoota fulduraatti kakuu raawwatan. Haaluma walfakkaatuun yaa'ichi Obbo Tamasgeen Xurunaafi Adam Faaraah pireezidaantota itti aanaa gochuun sirna kakuu raawwatan.

Comments