Qubee TV
Qubee TV
February 4, 2025 at 11:30 AM
Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ji'a jahaa bara 2017 gaggeeffamaa jira. Qubee TV (Gurraandhala 4, 2025) Finfinnee! Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ji'a jahaa bara 2017 Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Gamaggama kana irratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa baninsaa taasisaniin galmoonni karoora imala badhaadhina biyya keenyaa kutannoo hooggansaafi hirmaannaa hawaasaa cimaan dhugoomaa jiraachuu himuun hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf eegalamaniin milkaa'ina argame itti fufsiisuufi qormaatilee muudatan maqsuuf xiiqiif qophaa’ummaa olaanaadhaan hojjachuun murteessaa ta'uu himan. Gama biraanis sabboonummaan hooggansaa jechaan osoo hin taane gochaan madaalamuu akka qabu kaasuun, waggoottan darban kallattii akka mootummaafi paartiitti kaa'ame bu'uura godhachuun fayyadamummaa uummata keenyaa dhugoomsuuf karoorri xiiqii qabamee hojii hojjatamaa tureen jijjiiramni gaariin argamuu Obbo Shimallis ibsan. Sirna cimaa ta'e sadarkaa hundatti qixa sirriin lafa qabsiisuuf hojiilee jajjaboon hojjatamuu himuun, hireen uummanni keenya wareegama qaaliin argate qixa sirriin fayyadamuun sadarkaa duubatti deebi'uu hin dandeenyeen saffisa olaanaan fuulduratti akka deemuuf xiiqiin hojjachuun barbaachisaa ta'uu eeran. Gamaggamni kunis faayidaa uummata keenyaa giddugaleessa godhachuun hanqinaaleefi ciminoota hojii keessatti mul'atan adda baasuun kanneen harca'anii hafan irratti xiyyeeffachuun xiiqii olaanaan irratti hojjachuun murteessaa ta'uus kaasan. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gamasaaniin, gamaggama kanaan hojiilee akka Paartiifi Mootummaatti karoorfamanii raawwii keessatti harca'an galtee godhachuun xiiqiin hojjechuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun badhaadhina qabame kan itti dhugoomsan ta'uu dubbatan.

Comments