Qubee TV
February 5, 2025 at 09:30 AM
Waldaan Intarpireeneroota Shaggar Ayyaana hundeeffama waggaa 5ffaa isaa kabajaa jira.
Qubee TV (Gurraandhala 5, 2025) Finfinnee!
Waldaan Intarpireeneroota Shaggar Ayyaana hundeeffama waggaa 5ffaa isaa Finfinnee hoteela Iskaay laayititti kabajaa jira.
Kabaja waggaa 5ffaa kana irratti dhaabbileen garaagaraa waldicha waliin hojjachaa jiran, agarsiisa oomishaalee isaaniifi tajaajila isaanii guyyoota 2'f kan agarsiisan ta'a.
Waldichi waggoottaan 5 darban keessatti carraa hojii namoota Kuma 52 oliif uumuu isaa pireezidaantiin Waldaa Intarpireeneroota Shaggar Obbo Bulbulaa Tolee himan.
Obbo Bulbulaan itti dabaluun waldichi waggoottaan shanan darbanitti leenjii hoji uumtota kuma 212fi 474f kennuu ibsan.
Waldichi waggoottaan darban 5 keessatti qabeenya qarshii biiliyoona 17.8 ol horachuun carraa hojii uumuufi dhiibbaa diinagdee guddaa uumaa akka jiru itti dabaluun pireezidaantiin waldicha ibsan.
Waldaan Intarpireeneroota shaggar bara 2020 irraa eegaluun namoota haaraa hojii dhuunfaa isaanii eegalan kuma 16fi 268'f carraa hojii eegaluu mijeessu isaa ibsuun, waggoottaan 5 darbaniin milkaa’ina guddaa galmeessu ibse.