
Qubee TV
February 6, 2025 at 09:11 AM
Manni Marii Magaalaa Dirree Dhawaa yaa'ii idilee guyyaa lammaaffa ta'aa tureen muudamoota garagaraa raggaasise.
Qubee TV (Gurraandhala 6, 2025) Finfinnee!
Manni Marii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa yaa'ii idilee 9ffaa bara hojii 3ffaa waggaa 4ffaa guyyaa lammaaffa ta'aa tureen muudamoota garagaraa raggaasise.
Haaluma kanaan kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar muudamtoota mana mariitiif dhiheessan keessaa Injinar Umar Duwaalee Ittigaafatamaa waajjira konistraakshiniifi misooma magaalaa ta'uudhaan muudamanii jiru.
Obbo Tasfuu Tsaggaa Abbaa murtii Mana murtii sadarkaa jalqabaa, Koomaandar mahammad Ibraahim Abbaa murtii Mana murtii ol iyyannoo ta'uudhaan muudaman.
Akkasumaas, Obbo Ahmad Abdallaa walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota haqaa seeraafi bulchiinsa gaarii, Obbo Xaahir Rooblee hojigaggeessaa dhaabbata sabqunnamtii bulchiinsa ta’uun muudaman.
Gama biraatiin Manni marichaa miseensa mana marii tokkorraa mirga himatamuu dhabuu sagalee guutuudhaan kaase.
Gama biroon manni marichaa dhimma hojii misooma kooriidaraatiif bajata dabalataa raggaasisuudhaan yaa'icha xumureera.