Qubee TV
Qubee TV
February 10, 2025 at 11:40 AM
Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo galma dhawaa dhaamsaa dongoree goorootti dhaamachuuf jilachaa jiru. Qubee TV (Gurraandhala 10, 2025) Finfinnee! Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo waggaa saddeettan gooroo gadoomaa geggeessaa ture xumurachuun galma dhawaa dhaamsa dongoree goorootti dhaamachuuf jilachaa jiraachuu himan. Yaa'ii Gadaa Arbooraafi Koonnituu godina Boorana Bahaa aanaa Areeroo Ardaalee Jilaa Dhaddacha Dambala Buleefi Guutootti Galma Dhawaa Dhaamsaa Dongoruun Jilachuu eegale. Galmi dhawaa dhaamsaan booda baallif jiloottan kan biraa akka hin jirreefi dhaamsa tika aadaa tolfamuu qabu dhaamuuf kan jilatan ta'uu Abbaan Gadaa Yaa'a damee Koonnituu Boruu Diimaa dubbatan. Jilti galma dhawaa dhaamsaa tun waggoottan sadeettan yaa'ii Gadaa sadeen Booranaa gooroo geggeessutti xumura jilaa dhamsa gooroo ilmaanii, warra baallii fuudhuufi Booranaa dhaaman ta'uu Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo himan. Yaa'ii Gadaa sadeen Booranaa 71ffaan Doorii Guyyoo Boruu Gadaa 72ffaa haaroomsaan boodaatti dabarsanii Baalli kennuuf jiloottan garaagaraa jilachaa turuu Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Boorana Bahaa Obbo Boruu Galgaloo himan. Xumura galma dhawaa dhaamsaatti aannee Baallii Gadaaf bultiin muraasi hafuu Obbo Boruun himanii Oromootaafi Sabaaf sablammoonni Itoophiyaaa jila irratti akka hirmaatan yaamicha dabarsan. Madda: Kominikeeshinii Godina Booranaa

Comments