
Qubee TV
February 20, 2025 at 04:38 PM
Hiltaniifi Dhabbaanni Biraayitan Adaamaafi Dirree Dhawaatti hoteelota lama ijaaruuf waliigaltee doolaara miiliyoona 67.6 mallatteessan.
Qubee TV (Gurraandhala 20, 2025) Finfinnee!
Dhaabbatni hoteelota idil addunyaa Hiltaniifi dhaabbata Hoteelotaafi Biizinasii Biraaytan magaalaa Adaamaafi Dirree Dhawaa keessatti moggaasa “DoubleTree by Hilton” jedhuun hoteelota lama ijaaruuf har’a Guraandhala 20 waliigaltee Doolaara miiliyoona 67.6 mallatteessan.
Hoteelli Hiltan Adaamaa lafa iskuweer meetira 7,960 irratti invastimantii Doolaara miiliyoona 37.6'n ijaaruuf kan karoorfame yoo ta’u, kutaalee boqonnaa keessummootaa 188 kan qabu ta'a.
Ijaarsi hoteelichaa namoota 500'f carraa hojii kan uumu yoo ta’u, hoteelchi yeroo hojii eegalu gitoota hojii dhaabbataa 366fi kontiraata 80 ni argamsiisa jedhame.
Hoteelli Hiltan Dirree Dhawaan ammoo lafa iskuweer meetira 11,319 irratti invastimantii Doolaara miiliyoona 30'n kan misoomu yoo ta’u, kunis kutaalee keessummootaa 150 mijaa’ina walfakkaataa qaban akka qabaatu ibsame.
Pirojektichi ijaarsa irratti carraa hojii namoota 400'f kan uumu yoo ta’u, erga banamee booda hojjettoota dhaabbataa 285fi kontiraata 80 akka qacaruu jedhame eegama.