Qubee TV
February 28, 2025 at 08:08 AM
Seenessi waloo tokkummaa jabeessee obbolummaa tiksuun ilaalcha biyyaalessaa dagaagsa jedhan Obbo Hayiluu Addunyaa
Qubee TV (Gurraandhala 28, 2025) Finfinnee!
Seenessi waloo tokkummaa jabeessee obbolummaa tiksuun, ilaalcha biyyaalessaa dagaagsa jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.
Gumiin Balal marsaan 41ffaa mata duree "Seenessa Waloo Ijaarsa Biyya Sabdaneettiif" jedhuun qindeessummaa Biiroo Komnikeeshinii Oromiyaafi waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin taa’amaa jira.
Maricharratti Obbo Hayiluu Addunyaan seenessi waloo tokkummaa kan jabeessuu, obbolummaa kan tiksuufi qormaata sirna qeenxee qolachuun ilaalcha biyyaalessaa kan dagaagsu ta'uu ibsan.
Itoophiyaaf heddumminni madda tokkummaafi jaalalaa qormaatilee dandamachuun waliin jireenya sabootaaf buu'ura jabaa kan buuse ta'uu kaasuun.
Abboonni duraanii garaagarummaa jiru qabatanii tokkummaan weerartoota qolatanii biyya birmadummaan ishee tikfame dhaloota har'aa dhaalchiisuu eeran.
Injifannoon Adwaa mallattoofi injifannoo uummata gurraachaa ta'uu akka fakkeenyaattis kaasan.
Adwaan dirree seenessa waloofi ilaalcha biyyaalessummaa kan ijaare ta'uu Obbo Haayiluun itti dabaluun himan.
Adwaan garaagartummaa amantaa, sabummaa, afaaniifi aadaan osoo hin danqamin injifannoo maqaa gaarii ijaare, Siidaa ibsituu eenyummaa Itoophiyummaa Addunyaarratti mul’ise, guca bilisummaa gurraachotaa ta'uus kaasuu ragaan Kominikeeshini Oromiyaarraa argame ni mul’isa.