Qubee TV
Qubee TV
March 1, 2025 at 03:41 PM
Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Arsii guyyoota 15'f gaggeeffamaa ture xumurame. Qubee TV (Bitooteessa 1, 2025) Finfinnee! Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Arsii qopheessummaa Aanaan Heexosaan guyyoota 15'f gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa olaantummaa Aanaa Xiyootiin xumurame. Tapha Xumuraa kubbaa miilaa Diviziyoonii 1ffaan Aanaan Leemmuufi Bilbiloo, Aanaa Jajuu injifachuun shaamiyoonaa ta'e. Taphaa Kubbaa Miilaa Diviziyoonii 2ffaan immoo Aanaa Zuwaay Dugdaa Aanaa Xiichoo injifachuun shaampiyoonaa ta'e. Kubbaa Saaphanaa Diviziyoona 1ffaa Dhiiraan Bulchiinsi Magaalaa Boqojjii shampiyoonaaa, Diviziyoona 2ffaan Aanaan Collee shaampiyoonaa ta'uun Waancaa argatan. Kubbaa Saaphanaa Dubaraatiin Aanaan Golochaa Shaampiyoonaa ta'uun Waancaa badhaafame. Taphaa guutuu ispoortii aanaalee godina Arsii gaggeeffamaa tureen Aanaan Xiichoo naamusaafi tasgabbii fakkeenyummaa qabu agarsiisuun Amala gaariin badhaafamaa Waancaa yommuu ta'u, Aanaan Heexosaa qopheessummaa gaariin badhaafamaa waancaa ta'eera.

Comments