Spider Media
Spider Media
February 8, 2025 at 02:45 PM
Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa Bahaardaaritti dargaggootaaf leenjii kenne Spider Media : Shaabaan 9, 1446 AH Leenjiin gurmaa'insa, hooggansaafi hoji uumtummaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Damee Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaatiin qophaa'eefi Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaatiin qindaa'ee sadarkaa biyyaalessaatti kennamaa jiruu itti fufuuf magaalaa Bahaar daarittis dargaggoota jaarmayaalee garaa garaa irraa walitti dhufaniif leenjiin kennameera. Leenjii kun dargaggoota magaalota naannoo Amaaraa garaa garaa irraa walitti dhufaniif magaalaa Bahaardaaritti kan kenname yoo ta'u sadarkaa sadarkaan gara magaalota naannichaa biroottis ni kennama. Leenjichi dargaggoonni hubannoo hooggansaa qaban akka hubataniifi gabbifatan gochuun akkasumas dandeettii hoji uumtummaa isaanii gabbifachuun hojii ta'anii eeguu irra gara uumuutti akka ce'an kan gargaaru ta'uutu ibsame. Leenjiin sadarkaa biyyaalessaatti gaggeffamaa jiru kun naannooleefi magaalota biroottis itti fufuun ni gaggeffama. © #amartemam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#spidermedia

Comments