Spider Media WhatsApp Channel

Spider Media

359 subscribers

About Spider Media

News and information

Similar Channels

Swipe to see more

Posts

Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 7:51:28 AM

Iraan mandaroota waraanaa Ameerikaa rukutuuf dhaadatte Spider Media : Zul-Hijjah 16/1446 Iraan sababa sagantaa niwukilaraatiin waldhabdeen yoo uumame mandaroota waraanaa Ameerikaa nirukutti jechuun Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan Aziz Nasrizaadeeh ibsan. Iraan waliin waliigaltee niwukilaraarra ga’uuf amantaa dhabaa jiraachuu Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dubbataniiru. Dubbii pirezdaantichaa hordofuun ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan waliigaltee niwukilaraa dura biyyisaanii yoo haleelamte buufata waraanaa Ameerikaa naannawicha keessa jiru akka rukuttu dubbachuusaanii Aljaziiraan gabaaseera. Tiraampi waliigaltee Iraan yuraaniyeemii gabbisuushee daangessu barbaaduun Eblarraa eegalee marii marsaa shan taasisaniiru. Mariin marsaa 6ffaa dhuma torbee kanaa kan eegamu ta'uu kan yaadachiise gabaasni Barsiisaa, Iraan boombii niwukilaraa ijaaruu nidhaabdi jechuun ejjennoo Ameerikaa kan ibsan Pirezdaanti Tiraampi; waan fedhes ta'u walii galteerra nigahama jedhaniiru. Iraan sagantaa niwukilarashee kaayyoo siivilii qofaaf akka ta’e dubbattus, biyyoonni dhihaa garuu Teehraan meeshaa niwukilaraa hojjachuuf yaadaa akka turte sodaadhaan ibsaa turaniiru. © #Amartemam #SpiderMedia@spidermediaa

Image
Spider Media
Spider Media
6/11/2025, 7:56:57 PM

Indooneezhiyaan bittaa jeettiiwwan wara*anaatiif waliigaltee doolaara biliyoona 10 Turkiyyee waliin mallatteessiteetti Baay'ina uummataatuun biyya guddittii Muslimaa kan taate Indonesian hariiroo Turkiyyee waliin qabdu caalaatti jabeeffataa jirti. Waliigalteen gama wara*anaa jidduu biyyoota lameenii jirus ho'eera. Haaluma kanaan guyyaa har'aa Indoneeshiyaan bittaa meeshaa wara*anaa seenaa isii keessatti isa guddaa ta'ee galmaa'e raawwatteetti. Jeettiiwwan ammayyaa 48 dabalatee dhaloota 5ffaadha kan jedhameen jeettii wara*anaa Kaan bitachuuf Indooneezhiyaan doolaara biliyoona 10 baasteetti. Kanaanis Indooneezhiyaan jeettii Türkiye tokkoof doolaara miliyoona 208 ol kan baastu yoo ta'u kun ammoo jeettii war*aanaa Ameerikaa F-35 dachaadhaan kan caaluudha. Waliigalteen bittaa meeshaa wara*anaa kun gama Turkiyyeetiiniillee seenaa haaraa ta'ee ta'a. Türkiye n seenaa isii keessatti waliigaltee gurgurtaa meeshaa war*aanaa si'a tokkotti raawwattee isa guddaadha. Turkiyyeen jeettiiwwan warz*aanaa 48 kanneen waggoottan 10 keessatti Indonesia f dabarsitee kennitee kan xumurtu yoo ta'u jeettiin inni jalqabaa bara 2028 keessa harka biyya bittee kana qaqqaba. Indooneezhiyaan waliigaltee kana Turkiyyee waliin mallatteessuun dandeettii oomishuu Turkiyyee kan guddisuufi indaastiriisii gama kanaa daran kan guddisuudha. Indooneezhiyaan dabalataatti Qatar, Sa'uud Arabiyaa fi Azarbaajan dabalatee biyyoonni garaa garaa jeettii waraanaa kana Turkiyyee irraa bituuf biyyattiif fedhii isaanii agarsiisuu MEE gabaaseera. Gama biraatiin Pakistan Türkiye waliin ta'uun jeettii kaan kana oomishuuf waliigaltee waliif mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha. © #Amar_Temam #SpiderMedia@spidermediaa

Image
Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 1:44:14 PM

#Oduu_Ammee Masriin Ajaja Iz*raa'eliin Aktivistota Gara Gaz*💔zaa 🇵🇸 imalaa turan dhaabsisuun namoota 200 ol to'annoo jala oolchite 👇👇👇

Image
Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 8:56:17 AM

Manni Marechaa muudama hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa raggaasise Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446 Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 36ffaa gaggeessaa jiruun muudama hoggantoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa raggaasiseera. Manni marichaa obbo Tasfaayee Niwaayiin Walitti qabaa Itti aanaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa taasisuun muudeera. Dabalataanis obbo Takliit Yimsaliifi Aadde Nasiim Alii miseensota hoggansa hojii Boordichaa taasisuun moggaaseera. © #Amartemam #SpiderMedi@spidermediaa

Image
Spider Media
Spider Media
6/11/2025, 12:16:53 PM

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbaddaan gama fuula Rabbii adeeme Sirni awwaalcha isaa boru bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti raawwata. Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgiis Mulugeetaa Kabbadaan gama aakhiraa godaaneera. Jifataa urjiin garee biyyaalessa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbadaan dhibee isa mudateen yaalamaa turuun har’a addunyaa kanarraa du’aan boqoteera. Mulgeetaa Kabbadaan garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgis keessa waggoota dheeraaf taphachaa kan ture yoo ta’u, taphataa ga’umsa dinqisiisaa agarsiisaa tureedha. Iddoo lamaanittuu dursaa garee ta’uun tajaajileera. Bara 1970 fi saddeettamoota keessa taphataa urjii Itiyoophiyaa kan ture Mulugaataa Kabbadaan, taphattoota ciccimoo Itiyoophiyaa keessaa nama tokko ture. Sirni awwaalcha isaa boru bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti akka raawwatu maatii isaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru. Spider Media n Mulugeetaaf Rabbiin rahmata haa godhu jechaa maatiifi fira akkasumas waahillaniifi hawaasa biyyattiif jajjabina hawwa. © #Amar_Temam #SpiderMedia@spidermediaa

Image
Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 9:59:13 AM

#Oduu_Ammee Xayyaarri Indiyaa namoota 232 gabate imalaa ture kufe. Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446 Xayyaarri Indiyaa buufata xiyyaaraa Ahmedabad irraa ka'uun namoota 232 gabatee gara UK London Gatwick imalaa ture kufe. Xiyyaarichi buufata ka'umsa isaarraa erga ka'ee yeroo muraasa booda dhiha Hindii nannawaa qe'ee hawaasni hedduun jiraatu keessatti kufe. Imaltoonni 232 fi hojjettoonni 12 xiyyaaricha keessa akka turan hogganaan daayirektoreetii siiviil aviyeeshinii Hindii AP'tti himeera. © #Amartemam >#SpiderMedia

Image
Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 2:20:59 PM

#Amma Xiyyaara kufee daaraa ta'e keessaa namni lama lubbuun argaman Xiyyaarri India gara Landanitti imalu namoota 242 fe'ee ture erga ka'ee yeroo muraasa booda dhiha Indiyaatti kufee caccabe. Hogganaan poolisii naannoo sanaa yeroo muraasa dura BBC'tti akka himanitti reeffi namoota 204 argameera. Tattaaffii taasifamaa jiruun janga ammaatti namoonni lama lubbuun akka argaman The Independent gabaaseera. Xiyyaara kana keessa lammiileen Indiyaa 169, lammiileen Biriteen 53, lammiileen Poortugaal 7 fi lammiin Kaanaadaa tokko akka turan Air Indian beeksiseera. © #Amar_Temam #SpiderMedia

Image
Spider Media
Spider Media
6/12/2025, 1:44:44 PM

#Oduu_Ammee Masriin Ajaja Iz*raa'eliin Aktivistota Gara Gaz*💔zaa 🇵🇸 imalaa turan dhaabsisuun namoota 200 ol to'annoo jala oolchite Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446 Anga'oonni Masrii aktivistoota gara Gaz*-zaa imalaa turan 200 buufata xiyyaaraa Kaayiroo fi hoteelota magaalaa guddoo biyyattii keessatti argamanitti to’annaa jala oolchuu isaanii qindeessaan imala addaa kanaa himaniiru. Gareen aktivistota kuma 7 ol of keessatti hammatee biyyoota akka Mauritania, Morocco, fi Algeria irraafaa ka'e uggura Izr*ael Gaz*zaatti danqarte cabsuuf deeggarsa namoomaa fe'atee gara Gaz*zaa karaa bu'uu Spider Media gabaasuun keenya kan yaadatamuudha. Imalli kun Imala Cichoominaa moggaasni jedhu kan kennameef yoo ta'u Kamisa har'aa Masrii - Kaayiroo akka qaqqabuudha karoorrisaa. Gareen biyyootaafi bakkoota garaa garaa walitti yaa'e kun Masriitti walitti dhufuun achirraan ulaa Ra*fah Ga*z💔zaa 🇵🇸 akka seenuuf karoorfame. Ta'ullee Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa Roobii kaleessaa kenneen, jilli biyyoota garaa garaa irraa kaayyoo kanaaf gara biyyattiitti imalaa jiru Masrii qaxxaamuruufis haa ta'u Ga*z*zaa seenuuf duursee heeyyama narraa argachuu qaba jedhe. Izr*ael gama isiitiin 'Hiriirtota Jih*aa*distii' jechuun ibsa Kibxata dheengaddaa baasteen anga’oonni Masrii aktivistoonni Fala*💔sxiin 🇵🇸 deeggeran dhibbaan lakkaa’aman kunneen qaqqabuun hafee daangaa Ga*z💔zaattiyyuu akka hin dhihaanne akka dhorkitu Masrii gaafatteetti. Haaluma kanaan Masriin har'a aktivistoota garee gara Gaz💔zaa imalutti makamuuf biyyoota garaa garaa irraa garas dhaqan 200 ol buufata xiyyaaraa Kaayiroo fi hoteelota magaalaa guddoo biyyattii bakka isaan qubatanitti to'achuu AF gabaaseera. Dubbi himaan Koree Qindeessituu 'Imala Cichoominaa' Sa'iif Abu Kishk Agence France-Pressetti akka himanitti, lakkoofsi namoota hidhamanii 200 ol ta'uufi lammiileen kunneenis Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Daach, Faransaay, Ispeen, Morookoo fi Aljeeriyaafaa irraa gara Gaz💔zaa seenuuf kan dhufan ta'uu dubbatani. Abu Kishk heeyyama argachuuf gaaffii 50 ol Mootummaa Masriitiif dhiheessinullee isaan garuu tokkollee nuuf hin simanne, deebiin arganne hin jiru jechuun cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis poolisoonni Masrii kutaa hoteelaa seenuun, bilbila saamuuniifi meeshaalee imaltoota sakatta'uun tasuma waan nuti nurratti raawwatama jennee hin eegneedha jedhan. © #Amartemam #SpiderMedia@spidermediaa SpiderMedia

Spider Media
Spider Media
6/11/2025, 12:50:29 PM

Bulchaan Kaalifoorniyaa Gavin Newsom Tiraamp ''abbaa irree'' fi ''maraataadha,'' jedhan Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446 Ameerikaa Loos Anjalasiitti hokkora cimaa ka'e hordofee dhorkaan sa'aatii labsamu illeen mormiiin ammalleen akkuma itti fufeetti jira. Moormii tibbana adeemaa jiruun wal qabatee uggurri sa'aatii hojiirra oolfamulleen, garee mormiitootaa guddaan ammas poolisii waliin wal dura dhaabbataa jira. Kun mormii seeraan alaa waan ta'eef yoo naannoo sana gadhiisanii hin baane hidhaa akka isaan eeggatuu himamaa jira jedha BBCn. Helikooptarri namoota moormiif bahan gubbaarra naannawuudhaan akeekkachiisaa jira fakkaata. Kaleessa Dubbii himaa ol’aanaan Peentaagoon, Siin Paarneel, ajaja pirezidaant Doonaald Tiraampiin dabalataan Eegdonni Biyyaalessaa 2,000 gara Loos Angalas akka bobbaafaman mirkaneessaniiru. Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwsoom gama isaaniitiin, pirezidaant Doonaald Tiraamp dabalataan Eegdota Biyyaalessaa 2,000 fi loltoota 700 Loos Anjalasitti bobbaasuu isaanii himan. Kan isaan jedhan kun dhugaa ta’uun isaa ammoo bulchiinsa Tiraampiin mirkanaahuudha kan eerame. Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwsoom Pirezidant Tiraamp abbaa irree fi mar*aataa jechuun qeeqaniiru. Bulchaan kun Tiraampiin himachaa jiraatanis, pirezidantichi garuu humna dabalataa bobbaasuun tarkaanfiinsaanii itti fufaniiru. Ta'ullee hanga ammaatti balicha to'achuu hin dandeenye. © #Amartemam #SpiderMedia@spidermediaa

Image
Spider Media
Spider Media
6/11/2025, 11:51:08 AM

Wanti Gaz*💔zatti 🇵🇸 argaa jirru nama dhukkubsa. Leenjisaa Maanchestar Siitii #PepGuardiola

Image
Link copied to clipboard!