Spider Media
February 10, 2025 at 10:52 AM
Itoophiyaatti ji'oota jaha keessa haadholiin 620 da'umsaan walqabatee, daa'imman 352 ammoo beelaan du'uu ibsame
Bara baajataa kana ji'oota jaha darban keessatti haadholiin 620 sababa da'umsaan walqabatee fi daa'imman 352 ammoo beelaan du'uu isaanii Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise.
Dhaabbatichi kana kan beeksise gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa Guraandhala 05, 2025 mana maree bakka bu’ootaatti koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi ispoortiif dhiheesseen ta’uu gaazexaan Ripportar gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti haadholiin 620 ta’an sababa da’umsaan walqabatee du’uu isaanii kan ibsame yoo ta’u, sababni du’a isaanii garuu bal’inaan ibsamuu dhabuun isaa koree dhaabbii mana marichaan gaaffii kaaseera.
Miseensa koree dhaabbii kan ta'an Obbo Tasfaahun Boggaale gabaasa kana irratti hundaa’uun gaaffilee kan kaasan yoo ta’u, sababni du’a haadholii da’umsaan walqabatee lubbuu isaanii dhaban maaliif bal’inaan akka ibsuun hin danda’amne gaafataniiru.
Gama biraatiin, ji’oota jahan darban keessatti hanqinni nyaataa hamaan biyyattii keessatti mudachuu gabaasichaan kan akeekame yoo ta’u, kanarraa kan ka’e daa’imman 352 du’uu fi daa’imman 232,389 ammoo dhukkubsachuu ibsameera.
Kana malees weerarri busaa hojiirra oolmaa karoora bara 2016 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa lama dabaluun lammiilee hedduu dhukkubsachuu fi du’aaf sababa ta’a jiraachuun ibsameera jechuun AS gabaaseera.
© Amar Temam
#spidermedia