Spider Media
February 12, 2025 at 11:37 AM
Ejjannoo #indonesian dhimma Fala*-sxiin 🇵🇸 irratti qabdu ni dinqisiifanna > Perezidaant Erdogaan
Spider Media : Shaabaan 13, 1446 AH
Perezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayyiib Erdogaan daawwannaa guyyoottan lamaaf Maaleeziyaatti taasisan erga xumuranii booda Kibxata kaleessaa magaalaa guddoo Indooneezhiyaa galaniiru.
Pireezidaantii Indooneezhiyaa Prabowoo Subianto dabalatee qondaalota olaanoo biyyattiin kan simataman jiilli mootummaa #turkiye Perezidaantiisaa Erdogaaniin hoogganamu kunneen turtii isaa #indonesia tti taasisuun daawwannaa hojiifi marii gamlameenii ni gaggeessa.
Erdogaan anniisa, qonnaa, daldalaa, industirii ittisaa, kominikeeshiniifi barnootaa dabalatee dhimmoota garaa garaa irratti mariyachuun waliif galuu isaanii Spider Media n fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irraa odeeffateera.
Ibsa kana waliin walqabsiisanii kennaniin ''ejjannoo Indooneezhiyaan dhimma Fala*-sxiin 🇵🇸 irratti qabdu ni dinqisiifanna'' jedhani Perezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayyiib Erdogaan.
Itti dabaluun Indooneezhiyaa waliin Gaz💔zaa deebisnee ijaaruu fi dhimma Fala-sxiinotaa 🇵🇸 irratti Turkiyyeen hojjechuu itti fuftis jedhan Erdogaan.
#indonesia n deeggarsa walirraa hin citne Fala*-sxiiniif gootuun kan beekamtu yoo ta'u tibbana masjiidota 100 Gaz💔-zaa keessatti ijaaruuf ta'uu ibsuu isii Spider Media n gabaasuun keenya ni yaadatama.
Perezidaant #erdogan daawannaa biyyoota Eeshiyaatti taasisan itti fufuun #indonesia booda gara #pakistan kan imalan ta'uu Anadolun gabaaseera.
Yeroo dhufutti Indooneezhiyaa waliin Gaazaa deebisanii ijaaruu fi dhimma Paalestaayinootaa ittisuu keessatti hojjechuu itti fufna.
© #amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#spidermedia