Spider Media
Spider Media
February 14, 2025 at 03:55 PM
Jiilli Pirzidaant Ustaaz Hayidar Kadiriin duurfamu Jimma seene Spider Media : Shaabaan 15, 1446 AH Jiilli Kaawunsilii Dargaggoota Muslima Itoophiyaa Perezidaantiisaa Ustaaz Hayidar Kadiriin duurfamu Magaalaa Jimmaa seeneera. Jiiilichi wayita buufata Xiyyaara Jimmaa Abbaa Jifaar gahanitt Dura Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Jimmaa Sheyik Muhaammadamiin Tamaam fi Dura Ta'aa Majlisa Godina Jimmaa Sheyik Hamzaa Sheyik MuhaammadNuur akkasumas ulamaa'ota, manguddootaafi dargaggootaan simannaan ho'aan tasifameeraafi. Turtii Magalaa Jimmaa isaaniin Hawaasa Muslimoota Magalatti waliin marii bal'aa ni godhu jedhamee eegema. Dhiheenya kana hundaa'ee hojiilee bal'aa hojjachaa kan jiru Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa, leenjii gurmaa'insa, hooggansaafi hoji uumtummaa mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Damee Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaatiin qophaa'ee qindoominaan sadarkaa biyyaalessaatti kennaa jira. © #amartemam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1 WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia >#spidermedia

Comments