Spider Media
Spider Media
February 22, 2025 at 01:20 PM
Dorgomtoonni Koorniyaa lamaan irraa injifatan Konkolaataa badhaafamu Spider Media : Shaabaan 23, 1446 AH Manni maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa dorgommii hifzii Qur'aanaa biyyoolessaa qopheessuufi. Dorgommiin baatii Ramadaanaa keessa kan gaggeeffamu yoo ta'u,naannolee fi bulchiisota magaalotaa irraa dorgomtoonni ni dhiyaatu. Xumurri dorgommii kanaas Ramadaana 17/1446 Addabaabayi Abiyootitti akka ta'es ibsameera. Dorgomtoonni Koorniyaa lamaan irraayyuu injifatan Konkolaataa kan badhafaman yoo ta'u, sadarkaa 2ffaan kan xumuran ammoo carraa Hajjii fi qarshii kuma 500 akkasumas sadarkaa 3ffaan kan xumuran qarshii kuma 300 akka badhafaman manni marechaa ibseera. Ramadaana 17/1446 guyyaa xumura dorgommichaas sagantaan ifxaaraa guddaanis akka qophaa'u ibsa mana marechaa irraa hibachuun danda'ameera jechuun Hamiltantu gabaase. © #amartemam Nu hordofaa: YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1 Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01 Telegram channel https://t.me/spidermediaa >#spidermedia

Comments