Spider Media
Spider Media
February 22, 2025 at 08:41 PM
Ramadaana kanatti masjiidota qulqulluu lamaan (masjiid Al Haram fi An Nabawi) irraa salaata dabalatee tamsaasni kallattii/Live n akka hin dabarre dhorkameera oduun jedhu olola ta'uu Haramain beeksise. Tibbana odeffannoon salaata tarahwii dabalatee kanaan dura tamsaasni #masjidalharam fi #masjidnabawi irraa kallattiin Hawaasa muslimaa Idil-addunyaa bira ga'aa turan bara kana dhorkamaniiru jedhu miidiyaalee irratti bal'inaan qoodamaa ture. Dhimmicha irratti har'a ibsa kan baase Haraman dhimma kana irratti odeeffannoon tibbana miidiyaalee hawaasaa irra naanna'aa jiru soba kan jedhe yoo ta'u Baatii #ramadaanaa kanattis tamsaasonni kallatti (Live) karaa chaanaalota kana dura beekamaniitiin itti fufas jedhe. © #amartemam #spidermedia https://t.me/spidermediaa
👍 1

Comments