Spider Media
Spider Media
February 24, 2025 at 08:32 PM
#oduu_ammee Magaalaa Awaashitti balaan abiddaa ulfaataan uumame Spider Media : Shaabaan 25, 1446 AH Naannoo Affaar Magaalaa Awaashitti balaan abiddaa ulfaataan galgala kana mudachuun ibsameera. Balichi konkolaataa bob'aa fe'ee ture irraa abiddaa ka'e hordofee akka babal'ate EBCn Kantiibaa magaalichaa wabeeffachuun gabaaseera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Awaash Obbo Abdoo Alii abiddicha dhaamsuuf hawaasa magaalichaa, waarshaa shukkaaraa Martiifi qaamolee biroo waliin tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. © #amar_temam #spidermedia https://t.me/spidermediaa
😢 1

Comments