
Spider Media
February 28, 2025 at 08:58 AM
IGAD Itiyoophiyaa fi Soomaaliyaan hariiroo isaanii cimsuuf kutannoo agarsiisan dinqisiifate
Spider Media : Shaabaan 29, 1446 AH
IGAD fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka ibseen daawwannaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) Somaaliyaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf walii galuu isaanii dinqisiifatee
Ityoophiyaa fi Somaaliyaan tumsa naannoo cimsuu fi nagaa waaraa milkeessuuf kutannoon agarsiisan jajjabeessaa ta’uus ibseera.
Biyyoonni lameen waliigaltee Ankaaraan booda waliigalteewwanii fi mariiwwan sadarkaa hoggantootaatti taasisan, tumsa diinagdee fi tasgabbii naannawichaaf tarkaanfii olaanaa ta’uu ibseera.
Tattaaffiiwwan hariiroo naga qabeessa cimsanii fi misooma waaraa naannawichaaf taasifaman kan deeggaru ta’uus eereera.
© #amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#spidermedia