
Spider Media
March 1, 2025 at 09:10 PM
Jimmatti harkaqal'eeyyiif deeggarsi taasifame
Spider Media : Ramadan 3, 1446 AH
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti sooma qabaa Ramadaanaa sababeeffachuun abbaan qabeenyaa Obbo Amiir Badruu kaafamtoota misoomaafi namoota harkaqal'eeyyii kuma afuriif deeggarsa taasisan.
Deeggarsichis zayitii nyaataa liitira kuma 12fi daakuu furnoo kiiloogiraama kuma 40 qarshii miiliyoona 10 oliin bitanii kan arjooman yemmuu ta'u, tokko tokkoo harkaqal'eeyyii zayitii liitira sadiifi daakuu kiiloogiraama 10 kennaniiru.
Sagantaa deeggarsicha dabarsanii kennuurratti Kantiibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaafi Abbaa Qabeenyaa Obbo Amiir Badiruu akkasumas paarlaamaafi Caffeetti bakka buutotni ummata Magaalaa Jimmaafi qaamoleen adda addaa argamaniiru.
Obbo Xahaan Sooma Raamadaana sababeeffachuun harka qalleeyyiifi kaafamtoota misoomaa kuma 4f deeggarsa nuuf gochuu isaanii hojii fakkeenyummaa qabuu fi irraa baratamuu qabu ta'uu ibsanii, Abbaa Qabeenyaa Obbo Amiir Badiruu galateeffataniiru. Muuxannoon kun babal'achuu akka qabus dubbataniiru.
Abbaan qabeenyaa Obbo Amiir Badruu gamasaaniin tola ooluun hojii eebbifamaa ta'uu dubbatanii, deeggarsa akaakuuwwan garagaraa ittifufiinsaan gumaachaa turuu himan. Kan rakkate gargaaruun tola ooluun hojii gammachiisaadhas jedhan. Maddi: Kominikeeshinii magaalichaa.
© #amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#spidermedia