
Spider Media
March 1, 2025 at 09:58 PM
Manni Murtii Aksum galmee himannaa manneen barnootaa hijaaba dhorkan irratti banamee ture cufuu barattoonni morman
Spider Media : Ramadan 3, 1446 AH
Manni Murtii Aanaa Aksum manneen barnootaa barattoonni dubartoota muslimaa hijaaba akka hin uffanne dhorkan irratti himannaa dhiyaate ture cufuu isaa Manni Maree Olaanaa Dhimma Islaamummaa Tigraay beeksise.
Manni murticha dhimmicha gara mana murtii ol’aanaatti ol dabarsuuf ‘aangoo akka hin qabne’ eeruun, karaa jaarsummatiin ykn adeemsa bulchiinsaatiin ilaalamuu akka qabu murteessuu manni marichi ibseera.
Barreessaan Mana Maree Dhimma Islaamaa Naannoo Tigraay Haaji Muhaammad Kasaay, murtiin kun kan kenname erga abbaan seeraa kanaan dura barattoonni hijaaba uffachuu akka hin dhorkamne murteessee ture bakkasaa irraa kaafamuun abbaa murtii biraa erga bakka bu’ee booda ta’uu himan.
Akka isaan jedhanitti, erga abbaan seeraa haaraa kun ramadaman booda dhimmicha gara mana murtii godinaatti akka dabarsaniif gaaffiin dhiyaatuus galmee kana Gurandhala 27, 2025 cufan.
Barattoonni Muslimaa Godina Giddugaleessa Tigraay magaalaa Aksum uggurru hijaabaa kun mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname sarba jechuudhaan mormii dhageessisaa turaniiru.
Dhimmi kun jalqaba mana murtiitti kan dhiyaate Manni Maree Olaanaa Dhimma Islaamummaa Tigraayitin yoo ta’u, uggurri kun mirgoota kana kan faallessu ta’uu ibseera.
Amajjii 14 Manni Murtii Aanaa Aksum qajeelfama manneen barnootaa hijaaba dhorku, “dhiittaa mirgaa duubatti hin deebine” geessisuu mala jechuun ugguramee akka turu murteesseera. Murtiin kun jiraatus barattoonni manneen barnootaa isaanii akka hin seenne dhorkamuu itti fufuu himan. Kunis hiriira namoota kumaatamaan lakkaa’aman Amajjii 21 magaalaa Maqaleetti ba’aniif sababa ta’eera .
Manni Murtii Aanaa Aksum Amajjii 27 ajaja baaseen qondaaltonni manneen barumsaa ajaja mana murtii cabsanii barattoota dhorkuu itti fufan hidhamanii akka dhiyaatan ajaje. Manni murtichaa gochi isaanii kun “aangoo mana murtichaa kan laaffisu” jechuun ibseera.
Haa ta’u malee, barattoonni barnoota isaanii hordofaa akka hin jirre kan dubbatan yoo ta’u, ajaja mana murtii kana hojiirra oolchuuf dhaabbilee hawaasaa ja’a dabalatee miseensonni hawaasaan waamicha godhamus, haalli kun osoo hin jijjiiramne akka itti fufe fi amma dhimmichi cufamee yoo ta’e filannoo seeraa dabalataa akka hin argine himan.
Dhimma kana hordofaa kan turee fi mormii magaalaa Maqaleetti gaggeeffamee qindeessaa kan ture Mubaarak Bayaan, haalli kun ”seeraan ala fi safuu kan hin qabne” jechuun ibse.
Murtoon seeraa mirga hijaaba uffachuu isaanii mirkaneessan jiraatanis “barattoonni dubartoota Musliimaa 284 mana barumsaa akka hin seenne dhorkamaniiru” jechuun ibseera.
Barattuun sababa nageenyaaf jecha maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte, “Onkoloolessa irraa eegalee barnoota hordofuu hin dandeenye. Hanga Muddee 18tti guyyoota muraasa nuuf hayyamama, muraasaaf dhorkamna turre. Sana booda qormaata walakkessa booda guutummaatti dhorkamne” jette.
Itti dabaluudhaanis, barattoonniifi barsiisonni amantaan Kiristiyaanaa ta’an hedduun nu deeggaranis, “barsiisonniifi dura buʼoonni manneen barnootaa muraasni nu rakkisaa turaniiru” jette.
Barattuun biraa qormaata biyyaalessaaf qophaa’aa jirtu akka jettetti, “murteen mana barumsaatti akka deebinu nuuf hayyamamus, namni seera kana Aksum keessatti hojiirra oolche hin jiru” jechuun ibsite. Barattoonni hijaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa seenuun waan hin hayyamamneef qormaataaf hoteelota keessatti toora interneetii irratti akka galmaa’an ibsiteetti.
Baratttuun kun itti dabaluun, hidhamuu fi miidhaa qaamaa irra gahuus himteetti. Mudde 14 yaaliin mooraa mana barumsaa seenuuf godhameen “barattoonni dubartootaa gara 20 ta’an guyyaa guutuu hidhamuun mirga wabiitiin gadhiifaman,” jetti.
Barattoonni mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Kindayaa, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Almuniyaa, Qadaamaawi Minilik, fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Aksum irraa hidhaman ”buufata poolisiitti miidhaa qaama irra gahe” jetteetti.
“Kana furuuf kantiibaa, biiroo barnootaa, waajjira nageenyaa, fi waajjira dhimma Islaamaa waliin taa’uudhaan yaalii goonus garuu furmaanni hin argamne,” jette barattuun kun.
”Amma mana jirra, mirga barnootaa heera mootummaatiin nuuf kenname dhowwamne,” jechuun dubbatte. Barattoonni dubaraa Musliimaa magaalota Tigraay biroo Maqalee, Adwaa, Shiree, fi Adigraat argaman mana barumsaa keessatti hijaaba uffachuun akka hayyamameef ibsiteetti. AS
© #amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#spidermedia