Qubee TV
Qubee TV
May 14, 2025 at 02:29 PM
Damee Geejjibaa ammayyeessuuf tooftaaleen kaffaltii Diijitaalaa 3 ifooman. Qubee TV ( Caamsaa 14, 2025) Finfinnee! Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii Itiyoo Teeleekoomii waliin ta’uun Tajaajila Geejjiba Ummataaf sirna tajaajila dhiyeessa Boba’aa qindaa’aa iftoomsuudhaan tooftaaleen kaffaltii Diijitaalaa 3 hojii eegalchiisan. Dhaabbileen lamaan Tajaajila Geejjiba qaxxaamura biyyaaf sirna tajaajila dhiyeessa Boba’aa qindaa’aafi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa waltaa’aa ta’e ifoomsan. Tooftaaleen Diijitaalaa kunneen adeemsa tajaajila dhiyeessa Boba’aa ammayyeessuufi odeeffannoo gurgurtaafi bittaa boba’aa sirrii ta’e yeroon argachuuf kan dandeessisu ta’uun eerame. Maamiltoonni dhaabbilee Faayinaansii garaagaraa keessatti filannoowwan argachuu akka danda’an, adeemsi sirna bulchiinsa adabbii tiraafikaa iftoomina akka qabaatu taasiisuufi dhamaatii tajaajilamtootaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa qabaachuun himame. Sirnichi dandeettii qindoominaan hojjechuu guddisuun carraa hojii uumuufi sirna Diijitaalaa haammataa ta’e cimsuu keessatti gahee jabaa qabaachuun ibsame. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Damee Geejjibaa ammayyeessuuf tooftaaleen kaffaltii Diijitaalaa 3 ifoo...

Comments