Qubee TV
Qubee TV
May 14, 2025 at 02:39 PM
Duulli talaallii dhibee Gifiraa eegalame. Qubee TV ( Caamsaa 14, 2025) Finfinnee! Duulli talaallii dhibee gifiraa qindaawaa Sadarkaa Biyyaalessaatti kennamu guyyaa har'aa eegalme. Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii kun bakka Hoggantoonni olaanoo argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eegalame. Duulli qindaa’an talaallii ittisa dhibee gifiraa daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii (5) gad ta’an hundaaf kanaan dura talaalfamanis talaalfamuu baatanis kan fudhatan ta’uu saganticharratti ibsame. Talaallii qindaawaa dhibee gifiraa kana daa’imman miliyoona 7.3 ta’aniif kennuuf kan karoorfame yoo ta'u, kunis dhaabbilee fayyaa jiran hunda keessattiifi giddugaloota yeroodhaaf duula kanaaf qopha'an keessatti kan keennamu ta’a. Maddi: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Duulli talaallii dhibee Gifiraa eegalame.  Qubee TV ( Caamsaa 14, 2025...

Comments