
Qubee TV
May 15, 2025 at 09:49 AM
Suphaan Masjiida Al-Najaashii yeroo waraana Tigraay miidhame dhibbeentaa 90 xumuramuu ibsame.
Qubee TV ( Caamsaa 15, 2025) Finfinnee!
Masjiidni seena qabeessaa akka Afrikaatti isa jalqabaa ta’uu himamuufi yeroo waraana Tigraay “dhukaasa meeshaa waraanaatiin miidhaa guddaan irra gahuu” ibsame masjiidni Al-Najaashii, hojiin suphaa isaa dhibbeentaa 90 xumuramuu ibsame.
Qindeessituun Aadaafi Tuurizimii Aanaa Kiltee Awlaaloo Aadde Zaafuu Gabrasillaasee akka jedhanitti, ji'oota saddeet darbaniif deeggarsa mootummaa Turkiifi dhaabbata gargaarsaa Tikaa jedhamuun masjiida kanaaf ogeeyyii biyya keessaatiin suphaafi haaromsa taasifamaa ture.
Miidhaan dhukaasa meeshaa waraanaa cimaan qaama masjiidichaa fi mana keessummootaa irra gahe hamaa ta’us, hojiin haaromsaafi suphaa irra caalaan isaa yeroon xumuramuusaa qindeessituun kun dubbachuu isaanii odeeffannoo DW TV irraa argame ni mul’isa.
Hojiin hafe guyyoota muraasa keessatti ni xumurama jedhamee kan eegamu ta’uu kan akeekan itti gaafatamtuun kun, qulqullinni hojii suphaa kanaas ogeeyyii Yuunvarsiitii Maqalee, hoggantoota sadarkaa hundarra jiraniifi miseensota hawaasaatiin mirkanaa’uu isaa beeksisan.
Waggaa tokko dura mootummaan Turkii masjiida Al-Najaashii suphuuf deeggarsa maallaqaafi teeknikaa barbaachisaa ta’e kennuuf waliigalteerra ga’uu isaa Ministeerri Tuurizimii beeksisuu ni yaadatama.
Maddi: Addis Standard
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
