
Qubee TV
May 15, 2025 at 05:40 PM
Korporeeshiniin manneen Jireenyaa Federaalaa dhaabbilee tola ooltummaa 3'f deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasise.
Qubee TV ( Caamsaa 15, 2025) Finfinnee!
Korporeeshiniin Manneen Jireenyaa Federaalaa Giddugala Deeggarsa Maanguddootaafi Dhukkubsattoota Sammuu Maqedooniyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 5, Dhaabbata Deeggarsa Haadholiifi Warra Qaama Miidhamtootaa Emnet, Dhaabbata Tola ooltummaa Yesirlanaatiif Birrii miiliyoona 2.5 kenne.
Hojii gaggeessaan olaanaa Korpooreeshinii Manneen Jireenyaa Federaalaa obbo Rashaad Kamaal dhaabbilee deeggarsi taasifameef kana keessatti namoota gargaaramaa jiran qaamaan deemuun haala isaan irra jiran daawwatan.
Obbo Rashaad Deeggarsa kana wayita taasisanitti korporeeshinichi misooma geggeessaa jiruun cinaatti, dhaabbilee tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa biyyattii furuu irratti xiyyeeffataniif deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsan.
Itti dabaluunis korporeeshinichi gamoo daldalaa haaraa Piyaassaatti ijaaru keessaa, bakka kanaan dura sababa misoomaatiin diigamee, gamoo daldalaa tokko Maqadooniyaaf akka arjoomu ibsan.
Rakkoolee Mootummaa qofaan furuun waan hin danda’amneef, hojii gaarii dhaabbileen tola ooltummaa akkanaa jalqaban babal’isuuf korporeeshinichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan.
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
