Qubee TV
Qubee TV
May 16, 2025 at 02:12 PM
Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurame. Qubee TV ( Caamsaa 16, 2025) Finfinnee! Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan guyyoottan 15 darbaniif magaalaa Ambootti gaggeeffamaa ture olaantummaan magaalaa Shaggariin xumurame. Taphichi gosoota Ispoortii 24'n magaalota 22fi godinaalee 21 irra ispoorteessitoota kuma 8fi 500 hirmaachisuun geggeeffamaa ture. Duudhafi seenaa ummata Oromoo, akkasumas tokkummaa ummataa cimsuu keessatti Taphni Guutuu Oromiyaa gahee olaanaa bahachaa jiraachuu sirna cufiinsaarratti argamuun haasawa kan taasisan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ibsan. Dorgommichi Ispoorteessitoota cicimmoo naannoofi biyya bakka bu'an horachuufi maqaa gaarii naannichaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Meedaaliyaa Warqee 84, Meetii 81 fi Nahasii 57, waliigalaan meedaaliyaa 222fi Waancaa 28 argachuun dorgommicha olaantummaan xumure. Adaamaafi Bishooftuun ammoo sadarkaa 2ffaafi 3ffaan xumuran. Taphni guutuu oromiyaa marsaan 28ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaas jedhame. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Shaampiyoonaan tapha guutuu Oromiyaa 27ffaan olaantummaan magaalaa Sha...

Comments