
Qubee TV
May 23, 2025 at 09:03 AM
Qormaatni Kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamuuf kompiitaroonni kumni 80 ol qophaa’aa jira.
Qubee TV ( Caamsaa 23, 2025) Finfinnee!
Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamuuf kompiitaroonni kumni 80 ol qophaa’aa jiraachuun ibsame.
Daayireektarri Olaanaan Tajaajila Madaallii Qormaataafi Barnootaa Biyyaalessaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan FBCtti akka himanitti, barattoota qormaaticha fudhatan kuma 600fi kuma 8 ol keessaa barattoota kuma 100fi kuma 50 karaa oonlaayinii qoruuf karoorfame.
Bara darbe qormaatichi yeroo jalqabaaf karaa onlaayinii kennamuu akka eegale yaadachiisanii, rakkoon dhiyeessii kompiitaraa akka ture himan.
Rakkoo kana furuuf barattoota karaa onlaayiniin qormaaticha qoramaniif kompiitaroonni kumni 80 ol qophaa’aa jiru jedhan.
Barattoonni meeshaalee qormaatichaaf barbaachisan kan hin dhiyeessine ta’uu eeruun, maatiin barattoota isaanii manneen barnootaa dhuunfaatti barsiisan garuu fedhii isaaniin bifa deeggarsaan dhiyeessuu akka danda’an hubachiisan.
Guyyaan qormaatichaa osoo hin ga’iin ji’oota lama dursuun barattoonni shaakala taasisaa akka jiranis dubbatan.
Wayita qormaataa rakkoon adda ciccituu neetwoorkiifi humna ibsaa akka hin mudanneef qophiin taasifamaa jira jedhan.
Barattoonni qormaaticha waraqaan qoraman hundi Yuuniivarsiitiiwwanitti kan qoraman ta’uufi barattoonni onlaayiniin qoraman ammoo Yuuniivarsiitiiwwan, manneen barnootaa mootummaafi dhuunfaa, kolleejjiiwwan leenjii fayyaafi leenjii barsiisotaa akkasumas kolleejjiiwwan teeknikaafi ogummaa keessatti kan fudhatan ta’uu eeran.
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
