Qubee TV
Qubee TV
May 23, 2025 at 05:23 PM
Haatii fi abbaan buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’imarratti raawwatame dhoksuuf yakka ajjeechaa raawwatan du’aan adabaman. Qubee TV ( Caamsaa 23, 2025) Finfinnee! Magaalaa Dirre Dhawaatti Haadhaafi Abbaa Buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’ima guddattuurratti raawwatame dhoksuuf wayita yaalaan yakka ajjeechaa raawwatan du’aan akka adabaman itti murtaa’e. Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi dhimmoota yakkaa ramaddii 4ffaa Dirre Dhaawaa murtoo kana dabarsuu ibsame. Himatamtoonni Haannaa Bayyanaafi Biruuk Alamuu jedhaman seera yakkaa Mootummaa Federaalaa bara 1996 bahe keeyyata 32 muraa 1 Afi keeyyata 539 muraa A jalatti tumame darbuun yakka kana raawwatan jechuun abbaan alangaa himata 4 irratti dhiyeesse. Himatamtoonni kunneen daa’ima umrii waggaa 11 dirqiiin gudeedamte yakka irratti raawwatame dhoksuuf jecha Onkololeessa 30, 2015 reebuun ajjeessuu isaanii ibsame. Himatamtoonni kunneen daa’ima yakki guddeeddii irratti raawwate akka haadhaafi abbaatti kunuunsiifi jaalala kennuufii osoo qabanuu haala suukaneessaafi gara jabina qabuun yakka guddeeddii irratti raawwatame dhoksuuf jecha yakka ajjeechaa cimaa raawwachuu isaaniin himataman. Shakkamtoonni kunneen dhimmoota ittiin himataman arfaniinuu badii raawwachuu isaanii abbaan alangaa ragaa sanadaafi namaan irratti mirkaneesse. Manni murtichaas dhaddacha har’a ooleen himatamtoonni du’aan akka adabaman itti murtaa’e. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Haatii fi abbaan buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’imarratti raawwat...

Comments