Qubee TV
Qubee TV
June 1, 2025 at 04:49 PM
Fiilmiin matadureen isaa 'Madaa Barnootaa' jedhu eebbifame Qubee TV ( Waxabajjii 1, 2025) Finfinnee! Fiilmiin matadureen isaa 'Madaa Barnootaa' jedhu Barsiisaafi barreessaa Ibsaa Mootummaan barraa'e eebbifame. Ibsaan Kanaan dura kitaaboota 3 barreessuun dubbistootaaf kan dhiyeesse yoo ta'u guyyaa har’aas fiilmii matadureen isaa 'Madaa Barnootaa' jedhu qopheessuun magaalaa shaggar ,galma kutaa Magaalaa Burraayyuutti eebbisiise. Fiilmiin Madaa Barnootaa cabiinsa barnootaa Oromiyaa keessa jiru irratti xiyyeeffachuun dhimmi kufaatii barnootaa dhimma waloo ta’uu isaa xiinxaluun daawwattootaaf kan dhiyaateedha. Barsiisaafi Barreessaa Ibsaan kanaan dura kitaaba matadureen isaa Dirree dhiigaa, Imimmaan Naachaafi Bara Bineensaa jedhaman barreessuun dubbistootaaf dhiyeessee ture, yeroo ammaa kanas hojii isaa 4ffaa Fiilmii 'Madaa Barnootaa' jedhu barreessuufi taatummaan hirmaachuun Daawwatoota biraan gaheera. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Fiilmiin matadureen isaa 'Madaa Barnootaa' jedhu eebbifame   Qubee TV ...

Comments